Hammaachuu hariiroo UK fi Israa'el tibbanaa duuba maaltu jira?

Nama alaabaa UK fi Israa'el qabatee deemu

Madda suuraa, Christopher Furlong/Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Mootummaan Yunaayitid Kingidam /UK/ qubannaawwan Israa'el kutaa Weest Baank to'annoo Israa'el jala jiranirra dhorkaa daldalaa kaa'uusaa hordofee hariiroon biyyoota lamaanii hammaatera.

Biyyattiin Kibxata darbe ALI Qaammee 3, 2018 ture omishaaleen kutaa Weest Baank kanatti omishaman gara biyyashee akka hinseenne dhorkuushee kan beeksifte.

Tarkaanfii UK'tti kan mufatte Israa'el, waajjira qoontsilaa UK Jerusaalem Bahaatti argamu cufteerti. Kana malees bakkaa bu'oota biyyattii dhaabbata bara darbe keessa Gaazaa (Gaza Strip) keessatti tasgabbiifi deeggarsa namoomaa qindeessuuf dhaabbate Giddugala Gargaarsaa Idil addunyaa Gaazaa keessa hojjetan ariiterti.

Haa ta'u malee tarkaanfii dhorkaa daldalaa UK kana Faransaay, Ispeenfi Kaanaadaa dabalatee biyyoonni 11 biroon kan qooddatan yemmuu ta'u, Israa'el tarkaanfichaan jeeqamteerti.

Omishaaleen qubannaawwan Israa'el kutaa Weest Baank to'annoo Israa'el jala jiran keessatti omishaman al-ergii Israa'el keessaa qooda guddaa qabaachuu baatanis ergaan siyaasaa tarkaanfichi qabu garuu olaanaadha.

Mootummaan UKfi biyyoota biroo qubannaawwan naannoo Filisxeem to'annoo Israa'el jala jiran seeraan ala ta'uusaanii himanis omishaalee achi keessatti omishaman gara biyyasaanii akka hinseenne osoo hindhorkin turaniiru.

Lammileen Israa'el sadii naannoo Ganiin West Bank mana dura dhaabbatan. Tokko qawwee hidhatee jira.

Madda suuraa, Ilia YEFIMOVICH / AFP via Getty Images

Amma garuu UK'n murtee Manni Murtii Haqaa Idil addunyaa bara 2024 keessa to'annoon Israa'el guutummaatti seeran ala jechuun murteessetti waliigaluusheefi hariiroon daldalaa mootummaas kanuma kan mirkaneessu ta'uu akka qabu Ministirri Dhimma Alaa UK, Ed Milibaand himaniiru.

Dhorkaan UK kun omishaalee qofa osoo hintaanee dhaabbilee qubannaawwan Israa'el kunneen keessatti tajaajilawwan akka ijaarsaa, bu'uuraalee mosoomaafi faayinaansii kennanis ofkeessatti qabata.

Dabalataan tarkaanfichi gurgurtaa meeshaa waraanaa 'to'annoo Israa'eliif gumaacha taasisu' dhorkuus ni dabalata.

Haa ta'u malee dhorkaa UK kana cinatti haasaan Ministira Dhimma Alaa UK tarkaanficha ilaalchisee taasisan ministiroota isaanin dura turanirraa adda ture.

"Akka Jeewishii Biriteen tokkotti deeggarsi mootummaa Israa'eliif qabu kan hinraafamnedha" kan jedhan angawaan kun, "shororkaan qubattootaan raawwatamu babal'ataafi "duguuggaa sanyii" Filisxeemotaa kutaalee Weest Baank keessaaf sababa kan ta'edha, garuummoo mootummaan Israa'el dhimmicha "osoo arguu calliseera" jechuun dubbatan.

Kanaafis tarkaanfiin UK kun imaammata biyyattii keessatti akka "haaromsaatti" kan ilaalamu ta'uu Milibaand dubbataniiru.

Ministira Dhimma Alaa Israa'el kan ta'an Geediyoon Saar gama isaaniitin, tarkaanfii UKfi haasaa Ministira Dhimma Alaashee jechoota ciccimoon qeeqaniiru.

Namoonni dhibbaan lakka'aman sirna awwaalcha dargaggoota Filisxeem lama kan waraanni Israa'el ajjeesse raawwataa jiru.

Madda suuraa, Anadolu via Getty Images

Beeksisa bira darbii dubbisi
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Gama biraatiin lammiileen Israa'el heddu ilaalcha finxaalessaa qubattoonni tokko tokko tarkaanfachiisan rakkisaa ta'uusaa kaasu. Ilaalchi namoota kunneeniis biyyattiifuu qaanessaa ta'uu himu.

Haa ta'u malee lammiileen Israa'el kunneen qubannaawwan Israa'el lafa Waraana Guyyaa Jahaa bara 1967 adeemsifame booda qabatterratti ijaarte seeraan ala kan jedhuun waliigalu jechuu miti.

Garuummoo biyyisaanii yeroo gara yerootti hawaasa addunyaa biraa fudhatama dhabaafi qeeqamaa jiraachuunshee isaan yaaddessa. Mormiiwwan sagantaa dorgommii sirbaa Yuuro-viizhin (Eurovision)fi waltajjiilee ispoortiirratti mul'atan, ajajawwan hidhaa angawoota biyyattiirratti bahan akkasumas dhorkaan daldalaa tibbanaa dhimmoota lammiilee biyyattii jeeqanidha.

Faallaa kanaan immoo Filisxeemonni taateewwan kunneen akka tarkaanfii gaariitti ilaalu.

Ministeerri Dhimma Alaa Filisxeem, qoqqobbii daldalaa biyyoonni 12'n kaayan jajuun cinatti, "qubsuma seeraan alaa" Israa'el dhaabsisuuf "tarkaanfiin hatattamaafi qabatamaa" akka fudhatamu gaafateera.

UK'tti ambaasaaddara Filisxeem kan ta'an Dr. Husaam Zomlot, murteen mootummaa UK kun "hariiroo UKfi Filisxeem keessatti qabxii jijjiiramaati" jedhan.

"Tarkaanfileen jajjaboon" mootummaan Uk fudhate, daangaa bara 1967 irratti hundaa'uunfii magaalaa guddooshee Jerusaalem Bahaa godhachuun Biyya Filisxeem walabaaf karaa saaquuf kan gargaaran akka ta'es dubbatan.

Haa ta'u malee carraan biyya walabaa Filisxeem hundaa'uu ammallee baay'ee xiqqaadha jechuun ni danda'ama. Tarkaanfiin biyyoonni 12'n fudhatanis babal'ifannaa qubsumaafi to'annoo Israa'el West Baankitti itti fufee jiru dhaabsisuu danda'uusaaf ammatti agarsiistuun hinjiru.

Silaa osoo fedhii qabaattee biyyi dhimma kanarratti jijjiirama qabatamaa fiduuf humna qabdu Yunaayitid Isteetisdha.

Haa ta'u malee pirezidaantiin biyyattii Doonaald Tiraamp, karoora qubannaa Ministira Mummee Israa'el Beniyaamin Netaaniyaahuu dhaabsisuuf hanga ammaatti fedhii hin agarsiifne.

Waggoota muraasaa as kutaan muraasni deeggartoota Tiraamp, sosochii MAGA jedhuun kan beekaman faallaa Israa'el dhaabbachaa jiru. Haa ta'u malee Israa'elitti ambaasaaddara US kan ta'an Maayik Haakbii nama ejjennoo Israa'el 'Weest Baank lafa Waaqni warra Jeewishootaaf waadaa galedha' jedhu deeggaranidha.

Kanaafis tarkaanfiin UKfi biyyoonni biroon 11 Kibxata darbe fudhatan Israa'el qofa osoo hintaane biyya michuu cimtuu Israa'el taate US walin walitti bu'iinsa keessa kan galchudha.