US nama adabbiin du'aa itti murame wayita ajjeefamu kallattiin dabarsuuf

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Qondaalli waraanaa duraanii US adabbiin du'aa itti murtaa'e wayita garee dhukaastotaan ajjeefamu uummanni hundi ilaaluu qaba jedhe Ministirri Ittisaa Piit Heegset.

Bara 2009 Fort Hood keessatti loltoota hidhannoo malee jiran 13 ajjeesuun duuti kan itti murtaa'e Nidaal Hasan, wayita adabbiin isaa raawwatamu (ajjeefamu) tamsaasa kallattiin darba jechuun BBCtti hime aangawaaan waraanaa US kun.

Taateen kun jaarraa tokko booda yeroo jalqabaaf US keessatti kan mudatu ta'a.

Dhimma namoota adabbiin du'aa itti murtaa'ee kan hordofu ogeessi seeraa Joon Miils ajjeechaa kana kallattiin dabarsuuf murteessuun ''addunyaa ammayyaa keessatti taatee hin eegamnee fi mudatees hin beekne,'' jedhe.

Akkasumas seerri gama kanaan ture rakkoo keessa galuu mul'isa jedhe ogeessi seeraa kun.

Uummanni hammeenya yakka namni kun, Nidaal Hasan, raawwatee baruu qaba, kanaaf kallattiin ilaaluu qaba jedhe Heegset.

Ameerikaan nama kana ajjeesuun akka adabdu murteen dabarsite kun waggaa 60 ol keessatti murtee ajjeechaa humna waraanaa kan jalqabaati.

Heegset gaaffii fi deebii TV Ameeriaa Real America's Voice jedhamu waliin taasiseen Hasan ''garee dhukaastotaan ajjeefama. Akkan ta'uus waan qabuuf,'' jedhe.

Hasan iyyannoo ykn gaaffii dhumaa dhiheeffate yoo qabaate ykn Pirezidant Tiraampitti iyyata galfate yoo qabaate irratti kan gaafatame Heegset ''sun dhimma koo miti. Mudde 3 isaan walargina,'' jechuun deebise.

Dubbi himaan Pentagon Siyaan Pernell Wiixata akka ibsetti ministeerri humna ittisaa yaada ajjeechaa kana dhiheessee Pirezidant Tiraamp ammoo mirkaneesseera.

BBCn dhuguma Tiraamp ajjeechaan kun kallattiin akka darbu deeggaruu isaa mirkaneessuuf Waayit Haawus quunnameera.

Bara darbe adabbiiwwan du'aa 2,700 caalan biyyoota addunyaa garagaraa keessatti raawwataman keessaa biyyoota lama qofatu uummatatti kallattiin mul'isan.

Iraan keessatti bara 2025 adabbiin du'aa adda babayiitti kallattiin uummanni osoo arguu raawwatameera. Afgaanistaan keessatti ammoo ja'atu haala kanaan raawwatame.

Kana kan gabaase dhaabbata Amnesty International.

Adabbiin du'aa Nidaal Hasan Muddee 3, 2026 Teeksas, Fort Hood bakka jedhamutti raawwatama jedhe humni waraanaa US.

Erga Waraanni Addunyaa Lammaffaa xumuramee adabbiin du'aa namoota gareen dhukaasaniin wayita raawwatamu kun kan jalqabaa ta'a.

Saayikaatiristiin Humna Waraanaa US Varjiiniyaa iraa ta'e Nidaal Hasan, dhukaasa dirree waraanaan ala ta'e isa hamaa seenaa US keessatti kan jalqabaa ta'e raawwachuun yakkamaa jedhame.

Haleellaa kan raawwate Sadaasa 5, 2009 yoo ta'u osoo loltoonni qorannoo fi talaallii fudhachaa jiranii raawwatame.

Hasan mana murtiitti ''dogoggora mudate kamiifuu'' dhiifama gaafateera.

Bara 2013 mana murtii waraanaatti wayita dhihaate Afgaanistaan keessatti Muslimootaa fi Taalibaaniif eegumsa gochuurratti hojjechaa akka ture amane.

Akka seera waraanaatti US keessatti humni waraanaa adabbii du'aa raawwachuuf pirezidantiin mirkaneessuu qaba.

Akkasumas adeemsa seeraan keessa deebi'anii sakatta'uu gaafata.

Kanaaf ammoo manni murtii olaanaan murtee darbe sakatta'uu fi hordofuu qaba.

Haala kanaan murteen darbe akka raawwatamu seeraan labsama.

Adeemsa seeraa sakatta'uun dhimma Nidaal Hasan irratti ammallee hin xumuramne jedhe Miilsi.

Inni ammallee dhimmisaa- jechi amantaa fi himannaan irratti dhihaate keessa deebiin mana murtii federaalaatti akka ilaalamu barbaada.

Garuu inni iyyatus murteen ajjeefamuu isaa waan duubatti deebi'u hin fakkaatu.

Miilsi garuu adabbiin du'aa kun akka jedhame kanatti raawwatamuun waan hin eegamnee fi nama raaju ta'uu ibse.

''Wayita gareen dhukaasan nama kana ajjeesan kallattiin dabarsuu barbaaduun xiyyaaffannaa argachuuf waan raawwatamuudha. Kanas bulchiinsa Tiraampitu fedha. Kun carraan ta'uusaa dhiphaadha. Haqaa fi seera kan qoruudha.''

Yunivarsitii Seeraa Yeel keessatti barsiisaa kan ta'e Eugene R Fidell tarkaanfiin kun baayyee nama gaddisiisa jedhe.

''Wayita adabbiin du'aa raawwatamu kallattiin dabarsuun Bara Giddugalaa keessa hafe. Kana jechuun duubatti deebine jechudha,'' jedhe.

Fidell dhimma kanarratti Hasan adeemsa seeraa yoo eegale ''tarkaanfiin kun raawwatamuuf waggoota fudhachuu danda'a. Yeroo turtii Pirezidant Tiraamp Waayit Haawus keessatti qabullee darbuu danda'a,'' jedhe.