Itoophiyaan dhuguma loltoota Ertiraa Tigiraay galan irratti 'haleellaa jabaa' raawwattee?

    • Barreessaa, Zelalem Tadesse and Peter Mwai/ BBC Verify
    • Gahee, Senior Broadcast Journalist
  • Maxxanfame
  • Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Itoophiyaan dhuguma loltoota Ertiraa gara Maqaleett imalaa turan irratti dirooniidhaan haleellaa cimaa raawwattee? Suuraa loltoota Ertiraa konkolaataan gara Maqaleetti imaluu agarsiisu hoo dhugaadhaa? BBC Verify xiinxaleera.

Loltoonni Ertiraa daangaa Itoophiyaa seenuun Kibba Adigiraat naannoo Edagahaamus jedhamutti argamuusaanii suuraan miidiyaalee hawwaasa irratti qoodamaa ture.

Kana qofa osoo hin taane konkolaataa loltoota Ertiraa fe'ee deemaa ture irrattis mootummaan Itoophiyaa haleellaa diroonii raawwate kan jedhu miiidyaa hawwaasaa irratti qoodamaa ture.

BBC Veify suuraawwan loltoonni Ertiraa daangaa Itoophiyaa keessatti argamuu agarsiisu dhugumamoo, AI dabalatee teeknoloojii biraan fakkeeffamee kan hojjetamedha kan jedhu adda baaseera.

Viiidyoo haleellaa diroonii mootummaan Itoophiyaa raawwachuu himuu fi miiidiyaalee hawwaasaa irratti qoodamaa tures dhugaa tahuu mirkaneesseera.

'BBC Verify' suuraalee fi viidiyoo loltoonni Ertiraa Itoophiyaa keessa jiraachuu agarsiisan xiinxalee suuraan sadii kan kaafame naannoo magaalaa Edagahaamus tahuu mirkaneesse.

Bakki kun Maqalee irraa km 80 qofa fagaatee argama.

Suuraan X ykn Tiwiitera fi miiidyaalee hawwaasa kaan irratti qoodame kun yeroo loltoonni uffata waraanaa Ertiraa uffatan harree sadiitti meeshaa fe'enii deeman agarsiisa.

Meeshaan fe'anii deemaa jiran maal akka tahe hin beekamne. BBC Verify suuraan kun dhiyoo miidiyaa hawwaasaa irratti kan maxxanfamee fi suuraa dhugaa tahuu mirkaneesse.

Garuu yoom kaafame kan jedhu hin mirkaneessine. Teessoo suuraa irratti mul'atuu xiinxaluun suuraa satalaayitii waliin yoo wal biratti ilaalu bakki kun magaalaa Edagaahamus tahuu agarsiisa.

Suuraan kunii fi kan loltoonni konkolaataa bifa keelloo qabuun osoo imalanii agarsiisu naannoo wal fakkaataatti kaafame. Lameenuu magaaluma kana keessa tahuu agarsiisa.

Pirezidaantii Yuunvarsiitii Maqalee kan turan pirofesera Kindeyaa Gabrehiwoot fuula X isaanii irratti loltoonni Ertiraa naannoo Adigiraat gahuu himan.

X irratti akkaawontiin 'Conflict Zone' jedhu tokko ammoo ''loltoonni Ertiraa Edagaahamus darbuun gara Maayi Mageltaa fi Sinkataatti deemaa jiru'' jedhe.

Suuraan fayyadames kanuma BBC Verify suuraa dhugaa tahuu mirkaneesse kanneen lameeni. Garuu lameenuu yoom kaafaman kan jedhu BBC'n hin mirkaneessine.

Suuraan kun qulqullina waan hin qabneef loltoonni konkolaataa irra jiran kan qaama kamiiti kan jedhu adda baasuuf rakkisaadha.

Miiidyaa hawwaasaa irratti suuraan kun loltoota Ertiraati jedhamuun qoodamaa ture. Akka fayyadamtoonni miiidiyaalee hawwaasaa jedhanitti bakki suuraan kun itti kaafame Naannoo Tigiraay iddoo Edaga Hamuus jedhamuttidha.

BBC Verify suuraan kun kan dhugaa tahuu mirkaneessee teessoon lafa suuraa irratti mul'atus kan satalaayitiin kan wal simu fi bakkuma jedhame kana tahuu mirkaneesseera.

Piroofeser Kindeyaan waraana Kaaba Itoophiyaa marsaa jalqabaan TPLF waliin tahuun mootummaa waraanaa ture amma X irratti Ertiraan ''Tsimdoo'' waliin tahuun waraana kana keessatti hirmaachaa jiraachuu isheef kun ragaadha jechuun maxxanse.

AFP fi Rooyitarsi dabalatee loltoonni Ertiraa daangaa Itoophiyaa seenuun gara Maqaleetti imalaa turuu gabaasaniiru.

Haleellaa diroonii loltoota Ertiraa irratti

Viiidiyoon miiidiyaa hawwaasaa irratti qoodameeru gara biraan ammoo konkolaataa loltoota Eertiraa geejibsiisaa ture dirooniidhaan haleelame jedha.

Akkaawontii 'Conflict Zone' jedhu viidiyoo sekondii 20 afaan Tigirinyaan irratti barraa'eeru maxxanse.

Viidiyoon kun dhiyoo kan waraabame tahuu akka hin hafne BBC'n adda baaseera.

Viidiyoon kun waanuma dhugaan waraabame malee kan sobaa miti. Eessatti waraabame kan jedhuuf miiidyaaleen hawwaasaa daandii magaalaa Adigiraatii fi Edagaahamus gidduu jiru irratti jedhan.

Konkolaataan haleelamee gubachaa jiru viidiyicha irratti mul'ata. Konkolaataa fe'umsaati.

Loltoota Eertiraatu konkolaataa kanaan gara Kibbaatti imalaa ture jedha maxxansichi. Konkolaataan haleelameeru tokko garuu gara kaabaatti garagalee dhaabbateera.

BBC Verify teessuma lafaa viidiyoon kun itti waraabamee xiinxalee suuraa satalayitii waliin wal simsiisee yoo ilaalu magaalaa Adigiraat keessa tahuu agarsiisa.

Loltoonni Eritiraa torban kana keessa daangaa Itoophiyaa ce'anii gara Tigraay kaabaatti seenuudhaan naannoo magaalaa Adigraat keessa qubatanii akka jiran maddeen AFP hedduun himaniiru.

Dhaabbanni walitti bu'iinsa hidhannoo hordofu ACLED akka jedhetti, halkan Roobii irraa gara Kamisaatti bari'u naannoo Adigraat keessatti loltoonni Ertiraa fi meeshaaleen waraanaa isaanii haleellaa mootummaan qilleensaarraan diroonii fayyadamee raawwateen rukutamaniiru.

Namni tokko kan Adigraat keessatti argamuufi nageenya isaatiif jecha maqaan isaa akka hin ibsamne gaafate, mootummaan haleellaa qilleensaa jabaa raawwachuu AFPtti hime.

"Kaleessa mootummaan Itoophiyaa haleellaan qilleensarraa hedduu raawwateera.

Konkolaattotni waraanaa Ertiraa muraasni barbadaa'aniiru. Amma karaa irratti hin mul'atan," jedhe.

Jiraataan biraa kan maqaan isaa akka hin ibsamne gaafate immoo, halkan keessa dhohinsa guddaa tokko dhaga'uu isaa dubbateera.

"Halkan keessa dhohinsa guddaa ture. Akkasumas konkolaattota waraanaa Eritiraa dirooniidhaan rukutaman ijaan argeera," jechuun AFPtti hime.

Maddi sadaffaanis, loltoonni Ertiraa gara kaabaatti deebi'aa akka jiran argeera jechuun ibseera. Akka jiraataan kun jedhutti sochiin isaanii irra caalaan gara daangaa Eritiraatti deebi'uudha.

Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa Dr Geediyoon Ximootiyoos Mana Maree Nageenyaa UN'f xalayaa barreessuun Eertiraan ''daangaa Itoophiyaa cabsitee seenuun weerara raawwatteetti'' jedhan.

Maddi BBC qabiyyee xalayichaa akka nuuf erganitti, xalayaa Dr Geediyoon amma barreessan kun kan jalqabaa miti.

Kana duras yeroo lama xalayaa Mana marichaaf kan barreessan yoo tahu, Waxabajjii 20, 2025 fi Onkoloolessa 2, 2025 xalayaa barreessan keessatti gochaa Eertiraan deddeebitee raawwattu nageenya biyyaalessaa Itoophiyaa irratti balaa waan qabuuf xiyyeeffannoo akka argachuu qabu barreessuu isaanii yaadachiisuun jalqaban.

''Eertiraan weerara raawwachaa jirti. Itoophiyaan miidhamtuudha. Eertiraan walabummaa Itoophiyaa cabsuun daangaa ishee darbiteetti'' jedha xalayaa ministirichi barreessan.

Amma mootummaa Ertiraa humna waraanaa ishee meeshaa waraanaa gurguddaa hidhate daangaa Itoophiyaa keessa seensifteetti jechuun xalayicha irratti eeran.

''Yeroo rakkisaa Itoophiyaan ofirraa ittisuu malee filannoo biraa hin qabne kana keessatti tarkaanfii fudhannu irratti akka nu hubattan, deeggartanii fi nu cina dhaabbattan amanna'' jedha xalayiichi.

Mootummaan Ertiraa ifatti loltoonni isaa daangaa Itoophiyaa keessa jiraachuu hin ibsine.

Waraana kan kakaasaa turee fi gaaffii hulaa galaanaa argachuu jedhuun dubbii kan na barbaadaa ture Itoophiyaadha jedhuun himatti Eertiraan.

Biyyoonni lameen bara 1998 hanga 2000 daangaa irratti wal waraanuun lubbuun namoota kuma dhibbaan lakkaa'amuu darbeera.