Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waa'ee weerara garaa kaasaa US keessa babal'ate waan beeknu
- Barreessaa, Sareen Habeshian
- Maxxanfame
- Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3
Weerarri maxxannee garaa kaasu bulchiinsota Yunaayitid Isteet keessaa walakkaa ol keessatti babal'ate, kumaatamni torbanoota dhihoo kana galmaa'an.
Dhibeen 'Cyclosporiasis' jedhamu maxxantootaan kan mudatu yoo ta'u mallattoon isaa garaa kaasaa hamaa ammas ammas mana fincaaniitti nama deddeebisudha.
Namoonni nyaataafi dhugaatii maxxannee kana qabu fayyadaman dhibee kanaan qabamu.
Weerarri kanaa hanga ammaatti bulchiinsota Ameerikaa 31 keessa wal gaheera. Bulchinsoota kanneen keessaammoo kan miidhamte Mishigaanidha.
Mishigaanitti namoonni 1,000 ol torban lama keessatti dhibee kanaan qabamuu bulchiinsichi ibseera.
Haa ta'u malee, hanga yoonaa duuni galmaa'e hin jiru. Ka'umsi dhibee kanaa hin beekamu.
Garuu, weerarri akkanaa kana dura ka'e midhaan hin bilchaanneen wal qabateera.
Minesotaatti gabaafamee?
Caamsaa 01 hanga Adoolessa sagalitti gosi dhibee kanaa 843 bulchiinsota US garagaraatti gabaafameera, akka daataa Giddugalli To'annoo Dhukkubaa (CDC) ifa godheetti.
Garuu lakkoofsi kana caaluu akka danda'u keessumaa gabaasota 1,500 ol mirkanaa'u qaban akka jiran dhaabbatichi ibseera.
Hanga yoonaa namni du'e hin jiru, 86 immoo hospitaala akka seenan ta'eera.
Mishigaanitti aansuun Niiw Yoork keessa bal'inaan mul'ate. Illinooy keessas gabaafameera.
Bulchiinsa lammiileen Itoophiyaa baay'ee keessa jiraatan keessaa tokko kan taate Minesotaatti mul'achuun isaa hin mirkanoofne, akka gabaasaaleen jedhanitti.
Dhibeen kuni maali?
'Cyclosporiasis' dhibee mar'ummaanii maxxantootaan kan mudatu akka ta'e Giddugalli To'annoo Dhukkubaa US (CDC) jedhamu beeksiseera.
Namoonni nyaata yookiin dhugaatii maxxannee kana qaban fayyadamuun dhibee kanaan qabamu.
Dhibeen kuni yeroo baay'ee lubbuu balaaf hin saaxilu, akka CDC'tti.
Dhibeewwan kaan nyaata hin bilchaanneen nu qaban fakkeenyaaf akk saalmoneellaa yeroo baay'ee kan mudatan miti.
Namoonni dhibee kanaan qabaman mallattoo kanneen arguus arguu dhabuus danda'u.
Dhibeen kuni garaa kan kaasu yoo ta'u kunis kan ammas ammas nama mudatudha.
Yoo wal'aanamuudhaa baate mallattoon dhibee kanaa guyyoota muraasaa hanga ji'aa ol turuu danda'a. Mallatton kuni turee deebi'ee mul'achuus danda'a.
Erga soorata maxxantoota kana ofirraa qaban sooranne booda torban tokko booda dhibeen kuni nu eegala.
Giddugala Wabii Fayyaa Joon Hopkins irraa Dr Kaayitiliin Riivars akka jedhanitti dhibeen kuni namarraa namatti hin daddarbu.
Garuu bobbaa nama dhibee kanaan qabame babal'atee soorataafi dhugaatii bira gahee namni biraa yoo soorate qofa daddarba jedhameera.
Maaltu weerara fide?
Akka Giddugalli To'annoo Dhukkubaa US (CDC) jedhetti, namoonni dhukkubsatan ''Yunaayitid Isteet keessatti nyaata erga nyaatan booda dhukkubsatan.''
Dhukkubsachuu isaanii guyyoota 14 dura imala kamuu akka hin taasifne himan.
Biqiltuu yookiin kuduraa kanatu dhibee kana fide wanti jedhamee mirkanaa'e hin jiru.
''Kuduraaleen dhibee kan horatan qonna yookiin jallisii irratti kanaaf faana dhahuun nama rakkisa, '' jedhu Dr Riivars.
Furmaata
Waajjiraaleen fayyaa manneen nyaataa kuduraalee sirnaan akka dhiqan, yoo danda'ame akka bilcheessan akkasumas qola raafuu maraafi qullubbii akka irraa fuudhan gorsu.
Bulchiinsi Soorataafi Qorichaa US isa kuduraalee dhangala'aa kemikaalaa irraa dhiquuf fayyaduun dhiqu bu'aa hin buusu jedhus, CDC'n garuu ni gorsa.
Namoonni garaa kaasaan isaan qabe dafanii dhaabbilee fayyaa akka quunnaman qondaalonni gorsu.