Tiraamp haala waraana Iraan irratti odeeffannoo haaraa kennaan
Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Ameerikaan mootummaa Iraan waliin marii dippilomaasii itti fufaa jirti jedhan.
Haa ta’u malee, yeroo ammaa " waligalteen waraana dhaabuu xumuramee jira, yeroo keessanitti fayyadamaa" jechuun mootummaa Iraan akeekkachiisan.
Tiraamp ergaa marsariitii hawaasummaa isaanii irratti maxxansaniin, mootummaa Iraan marii akka itti fufnu gaaffii dhiyeessan jechuun himan.
“Iraan marii itti fufuuf nu gaafatan. Nutis gaaffii isaanii fudhanneerra. Garuu Ameerikaan ifatti isaanii himti; yeroon waraana dhaabuu xumurameera,” jechuun barreessan
Ibsi Tiraamp kun kan bahe yeroo waraanni Ameerikaa guyyoota darban keessa buufata waraanaa Iran shan kibba biyyattii keessatti argaman irratti haleellaa qilleensaa raawwatte boodadha.
Washington haleellaa kana raawwachuun , dooniwwaan daldalaa fi imaltootaa naannoo ulaa Hormuz keessatti haleellaan irra ga'eera jechuun, Iraan itti gaafatamaa taasisee.
Bulchiinsi Ameerikaa akka jedhuutti, tarkaanfiin waraanaa kun nageenya geejjibaa galaanaa eeguuf fi humna waraanaa Iraan dadhabsiisuuf tarkaanfii fuadhatame ta'uu ibse.
Gama biraatiin mootummaa Iraan haleellaa Ameerikaan raawwatame balaaleffatee, bu’uuraalee misoomaa fi dhaabbilee mootummaa isaa irratti haleellaan yoo raawwatame angawoonni Iraan biyyattiin of eeguuf tarkaanfii barbaachisaa hunda fudhachuuf qophii ta’uu isaanii ibsaniiru.