Session 25

Listen to find out how to use what we have learned in the last four lessons.
Kanneen kutaa afran dabran keessatti barachaa turre akkaata itti fayyadamtu hubachuuf caqasi.

Session 25 score

0 / 0

      Activity 1

      Nyaata: Irradeebii

      Listen to find out how to use what we have learned in the last four lessons.
      Kanneen kutaa afran dabran keessatti barachaa turre akkaata itti fayyadamtu hubachuuf caqasi.

      Listen to the audio and take the quiz. Battallee fudhachuuf sagalee kana caqasi.

      Show transcriptHide transcript

      Caalii
      Yooyyaa! Barataan Afaan Ingilizii kamiyyuu isa malee baru kan hindandeenye qooqa barbaachisoo kan isiniif dhiheessu, gara Essential English Conversation, baga nagana dhufte. Ani Caaliidha. Kutaa kana keessatti, wantota sagantaalee barnootaa afran darban keessatti baranne irra deebitee akka shaakaltu goona. Namni tokko nyaata caalchisee jaallatu akkamiin akka dubbatu, mana nyaataatti akkamiin akka ajajatu, akkamiin gabaarraa akka bitatu, akkasumas akkamiin waa’ee dhiyana garagaraa akka dubbatu barannee jirra.

      Haasawwan kanneen caqasi; kan jalqabaa keessatti namoonni lama waa’ee dhiyana ykn nyaata caalchisanii jaallatanii dubbatu.

      Sarah
      Hi Ben. What’s your favourite food?

      Ben
      My favourite food is lamb.

      Sarah
      What do you eat for dinner?

      Ben
      I usually eat vegetable stew for dinner.

      Caalii
      Amma, namni tokko nyaata gabaarraa wayita bitu caqasi.

      Ben
      How can I help you?

      Sarah
      Can I have a kilo of peppers?

      Ben
      That’s £3.50.

      Caalii
      Hangam yaadatte? Battallee kana hojjachuudhaan haa’ilaallu. Deebii sirrii ta’e otoo siin dhageessisiin dura, waan jechuu malturratti ittiyaaduuf yeroo qabda.

      Tole, gaafii jalqabaa – akkamiin ‘Nyaanni caalchiftee jaallattu maalidha?’ jetta?

      What’s your favourite food?

      Caalii
      Mee amma, ‘Nyaannin caalchisee jaaladhu foon hoolaati’ ‘lamb’ jedhi.

      My favourite food is lamb.

      Caalii
      Ammammoo, ‘Irbaataaf ‘dinner’ maal nyaatta?’ jedhi.

      What do you eat for dinner?

      Caalii
      Mee amma, ‘yeroo heddu irbaataaf ittoo muduraan’ ‘vegetable stew’ nyaadha jedhi.

      I usually eat vegetable stew for dinner.

      Caalii
      Ammammoo, ‘Akkamiin si gargaaru ykn maal ajajamu?’ jedhii gaafadhu.

      How can I help you?

      Caalii
      Mee amma, ‘Qaaraa/ qeexoo ‘peppers’ kiiloo tokko argachuu danda’aa?’ jedhi.

      Can I have a kilo of peppers?

      Caalii
      Ammammoo, ‘Pawondii sadii fi walakkaadha jedhe (£3.50 ).

      That’s £3.50.

      Caalii
      Hubachuuf yoo sirakkise hinyaadda’iin; irradeebitee akka shaakaltu tasiisuun si gargaarra.
      Kanaafuu gaaleewwan Afaan Ingilizii kanneen caqasiitii ittaansuun irradeebi’i.

      What’s your favourite food?

      My favourite food is lamb.

      What do you eat for dinner?

      I usually eat vegetable stew for dinner.

       

      How can I help you?

      Can I have a kilo of peppers?

      That’s £3.50.

      Caalii
      Misha! Tole egaa yeroon kun kan haasawichi guutummaatti itti shaakalamuudha. Gaafii been sigaafatuuf deebiikee kennuudhaan shaakali.

      What’s your favourite food?
      What do you eat for dinner?

      Caalii
      Amma, akka waan gabaa keessa jirtuutti yaadi. Waan Ben sigaafatuuf deebiikee kennuun shaakali.

      How can I help you?

      Caalii
      Baay’ee gaarii, ammammoo deebiiwwankee mirkaneeffachuuf haasaawwan kanneen guutummaatti irradeebi’ii caqasi.

      Sarah
      Hi Ben. What’s your favourite food?

      Ben
      My favourite food is lamb.

      Sarah
      What do you eat for dinner?

      Ben
      I usually eat vegetable stew for dinner.

       

      Ben
      How can I help you?

      Sarah
      Can I have a kilo of peppers?

      Ben
      That’s £3.50.

      Caalii
      Hojii gaarii! Amma, waa’een dhiyanaa akkamiin akka gaafattu beekta; nyaata namni tokko caalchisee jaallatu, akkaata mana nyaataatti nyaata itti ajajatanis ta’e gabarra akkamitti akka bitatan beekta. Barnoota dabalataa, haasawa Afaan Ingilizii Guyyuun, yeroo ittaanutti walitti deebina. Nagaatti! Bye!

       

      Check what you’ve learned by choosing the correct answer to the question.
      Gaafiidhaaf deebii sirrii ta’e filachuudhaan, waan hanga yoonaatti baranne mirkaneeffadhu.

      Food: Review/ Nyaata: Irradeebii

      3 Questions

      Choose the correct answer.
      Deebii sirrii ta’e fili.

      Congratulations you completed the Quiz
      Excellent!Great job!Bad luck!You scored:
      x / y

      Join us for our next episode of Essential English, when we will learn more useful language and practise your listening skills.
      Kutaa barnootaa Afaan Ingilizii Barbaachisoo, kan qooqa daran faayida-qabeessa ta’an keessatti barannuufi daandeettiiwwan dhageettiikee ittiin shaakaltutti, yeroo itaanu walitti deebina.

      Shaakala dabalataaf miseensa garee Feesbookii keenyaa ta’i!

      Session Vocabulary

      • What’s your favourite food?
        Nyaati ati caalchiiftee jaallatu maali?

        My favourite food is ______.
        Nyaannin caalchisee jaalladhu ______dha.

        What do you eat for dinner?
        Irbaataaf maal nyaatta?

        I eat ______ for dinner.
        Irbaataaf ______n nyaadha.

        How can I help you?
        Akkamiin si gargaaru? Ykn Maal ajajamu?

        Can I have the ______?
        ______ argachuu danda’aa?

        That’s ______ all together.
        Waantawwan kun walumatti ______dha.