Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, Tiraamp buufata Niwukilaraa Iraan haleeluuf dhaadatan

Waraanni Ameerikaa fi Iraan gidduutti adeemsifamaa jiru guyyaa 11ffa seeneera. Tiraamp buufata nuukileeraa Iraan haleeluuf dhaadate

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. US fi Saawud Arabiyaan waliigaltee Sa'udii niwukilera gabbisuu dandeessisu walii mallatteessufi

    US fi Saawud Arabiyaan waliigaltee Sa'udii niwukilera gabbisuu dandeessisu walii mallatteessufi.

    Biyyoonni lamaan Sawudiin niwukileraa akka gabbifattu waliigaltee dandeessisu irratti walii galuusaanii beeksisuuf jiru.

    Aangawaan dhimma kanatti dhiyoo ta'e miidiyaa CBS News'tti akka himetti, biyyoonni lamaan Saawud Arabiyaan humna niwukileraa akka gabbiftu waliigaltee irra gahan har'a beeksisuufi.

    Akka CBS'n gabaasetti, waliigalteen kun Sawudiin anniisaa nukilarii mataa ofii dachii ofii isheerratti akka gabbiftu heyyamuu danda'a.

    Dhaabbileen waliigaltee kana keessatti hirmaatan ammatti kan hin ibsamne yoo ta'u, akka gabaasa CBS'tti manni maree kongireesii US dhimma kana irratti mariisifamuu qaba.

    Mariin dhimma nukilarii gabbisuu biyyoota lamaan gidduutti kan eegale bara 2008 ture.

    Bara Pirezdant Buush biyyoonni lamaan waliigaltee wal hubannoo dirqisiisa hin taane (non binding MOU) kan Saudi nukilarii misoomaaf misoomsuu ishee dandeessisu mallatteessanii ture.

  2. Dawwannaa Pirezidaantiin Chaayinaa UStti taasisu jedhameef haala mijeessuuf ministiroonni dhimma alaa biyyoota lamaanii mariyatan

    Pirezidaantiin Chaayinaa Shii Jiin Piing daawwannaa UStti taasisu jedhamee eegamuuf haala mijeessuuf ministiirri dhimma alaa US Maarkoo Ruubiyoofi gitisaanii Chaayinaa Waan Yii wal-arguun mariyachuusaanii Rooyotars gabaase.

    Maarkoo Ruubiyoon yaa'ii Biyyoota Kibba Eeshiyaa ASEAN jedhamurratti kan hirmaatan yoo ta'u, wal-gahicha cinaatti, ministiira dhimma alaa Chaayinaa waliin wal-arguun dhimmoota biyyoota lamaan irratti waliin hojjachuu danda'aniifi waa'ee daawwaannaa Shii Jiin Piing USti ni taasisu jedhameerratti mariyachuusaanitu ibsame

    USfi Chaayinaan garaa garummaa ijoo ta'e qabaatanis biyyoonni lamaanuu garaa garummaa kana dhiphisuufi to'achuuf wal-arguun mariyachuu ibsa Ruubiyoon.

    "Gami lamaanuu gidduu garaa garummaa guddaatu jira. Biyyoonni lamaanuu kana ni fudhatu. Kanaratti hojjachuu itti fufna, garaa garummaan kunneen gara fuulduraattis waanuma itti fufaniidha," jechuun fedhii biyyaalessaa isaanii ittisuuf akka hojjatanis ibsan.

    "Yeroo hunda fedhii biyyaalessaa ittisuuf hojjanna, Isaanis [Chaayinaanis] kanuma akka godhan nan hubadha. Garuummoo, wantoonni irratti waliin hojjachuu dandeenyu jiru," jedhan ibsa miidiyaaf kennaniin Maarkoo Ruubiyoo.

    Pirezidaantiin US Doonaald Tiraamp Caamsaa darbe Chaayinaatti daawwannaa hojii taasisuunsaa ni yaadatama.

    Pirezidaantiin Chaayinaa Shii Jiin Piingis dabareesaanii US akka daawwatantu eegama.

  3. Boordiin Filannoo Itoophiyaa naannoo Amaaraa bakka filannoon hin gaggeeffamin turetti filannoo gaggeessuuf qophii ta'uu ibse

    Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa filannoon marsaa 7ffaa bakkeewwan hin gaggeeffamin hafetti filannoo gaggeessuuf qophiirra jiraachuu ibse.

    Naannoo Amaaraa keessatti bakkeewwan filannoon itti hin gaggeeffamne jedhe naannoo filannoo 8 keessatti filannoo gaggeessuuf qophiirran jira jedhe boordichi.

    Filannoon biyyaalessaa marsaa 7ffaa naannoolee filannoo saddeettan kana keessatti akka gaggeeffamuuf galmeen filattootaa akka eegaluuf raawwachiiftota qacaruuf beeksisa baasee jira.

    Rakkoo nageenyaafi sababoota garaa garaan iddoowwan muraasatti filannoon marsaa 7ffaa hin gaggeeffamin hafuu Boordiin Filannoo Biyyaalessaa beeksisee ture.

  4. Laayibeeriyaatti duula guddaa gaggeeffameen kookeeniin dolaara mil.370tti shallagamu qabame

    Dhiyeenya magaalaa guddoo Laayibeeriyaa Monrooviyaatti kookeeyniin hammisaa olaanaa ta'e duula seera kabajchiisuun to'atamuu aangawoonni beeksisan. Duulli kun duula isa guddaa seenaa biyyattii keessatti kan jalqabaa ta'e dha jedhameera.

    Viidiyoo fi suuraawwan poolisiin gadhiiseen sanduqoonni fi boorsaawwan saamsaman konkolaataa fe'iisaatti fe'amanii mul'atu. Qorattoonni qabeewwan kunneen kokeenii sadarkaa olaanaa of keessaa qaba jedhu.

    Ajajaa olaanaan poolisii Giriigorii Koolmaan BBC'tti akka himanitti qorannoon foorensikii meeshaaleen kunneen kookeenii ta'uu mirkaneessuu himan. Gabaa ammaatti immoo dolaara mil. 370tti shallagamu jedhan.

    Duula Duu’aazoon jedhamu, iddoo magaalaa Monrooviyaa irraa gara bahaatti kilomeetira 20 fagaattee argamtu keessatti gaggeeffameen, lammiilee biyya alaa lamaafi lammiileen Libeeriya namoonni hedduun to'ataman.

    Namoota qabaman kanneen irratti hanga yoonaatti himanni seeraa ifatti baname hin jiru.

    Ajajaan poolisii akka jedhanitti, qorichi sammuu nama hadoochu kun Roobii hardhaa to'atame, qorannoo yeroo dheeraa bu'uura godhachuun hordoffii hojii daldala qoricha sammuu namaa hadoochuu Libeeriyaa keessatti gaggeeffamaa tureen bira gahamuu ibsan.

    "Gidduu waggoota 2018 fi 2023, Libeeriya keessatti daddabarsii fi geejjibni qoricha sammuu namaa hadoochuu bal'inaan mul'achaa ture. Waggaa tokkoo fi walakkaatii as hordoffii irra turre, kunis bu'aa oppireeshinii sanaati," jedhan Koolmaan.

    Qorichi sammuu namaa hadoochu kun "qoratamee kokeenii ta'uun isaa mirkanaa'uus" dubbataniiru.

  5. Imalli dooniiwwanii Galaana Diimaa danqameera, Ruubiyoon Iraan mariirraa haajaa hin qabdu jedhu

    Ministirri Dhimma Alaa US Maarkoo Ruubiyoo Roobii Iraaniif waayeen marii isheedhaaf dhimma ijoo miti jedhan, walitti bu'iinsi kun ulaa daldala boba'aa addunyaa murteessoo lama danqeera.

    Taankaroonni afur jikitaa boba'aa Sawudirraa gara Eeshiyaa fe'aa turan Galaana Diimaarraa osoo socho'an ofirra deebifaman. Isaan duras hidhattoonni Huutii Yaman kan Iraaniin deeggaraman ulaa daldalaa gama kibbaatiin Sa'uditti cufuu isaanii hordofee dooniiwwan biroo sadi ofirra deebifamanii turan.

    Iraan ulaa daldalaa Galoogalaanaa Hormuz cufuu isheetiin boba'aan Sa'udii barmeela hedduu ta'u guyyaa guyyaan gara buufata galaanaa Galaana Diimaa Sa'udi Arabiyaa kan taate buufata Yaanbuutti deebifamaa jira.

    Walhaleellaan Iraanii fi US ulaawwan daldalaa gama Bo'oo Siwiiz dabalatee giddugaleessaa fi Lixaanis danqaa jira. Tehraan ammas buufata calallii bishaanii fi anniisaa murteessoo Kuweet haleelteerti. Buufata waraanaa US kan Kuweet, Baahiree fi Jordaanis rukutuu himte.

    "Rakkoon amma nu mudate, Iraan waayee marii waraana dhaabuu ijoo godhattee hin jirtu, yoo dhuguma dubbii ijoo godhatan nutis akka ijootti qabanna, Yoo isaan fedha akkasii hin qabaanne nuti dantaa keenyaa fi michoota keenyaa kabajchiisuuf waan barbaachisu mara goona," jedhan Maarkoo Ruubiyoon marii Vaanillaatti ministirootni dhimma alaaKibba Baha Eeshiyaa irratti hirmaataniurratti.

  6. Yukireen man-kuusawwan gurguddaa daldala onlaayinii Raashiyaa haleelte

    Yukireen diroonniwwan fageenya dheeraa imalan fayyadaman man-kuusaa daldala onlaayinii Raashiyaa galtee dirooniif oolu jette haleelte.

    Man-kuusawwan kunneen kan dhaabbata Welberries jedhamuu yoo ta'u, halkan edaa haleellaa Yukireen gaggeessiteen namoonni 15 madaa'aniiru.

    Yukireen guyyaa afur keessatti yeroo lammaffaa man-kuusaa dhaabbata daldalaa onlaayinii beekamaa kanaa kan haleelte yoo ta'u, dhaabbatichi galteewwan diroonii Raashiyaan omishtuu akka dhiyeessu beeksisfte.

    Guyyaa afur dura man-kuusaa wal-fakkaataa haleeluun namoonni saddeet du'uun ni yaadatama.

    Pirezidaantiin Yukireen Voloodmiir Zeleniskiin Roobii ibsa kennaniin, waraanni Yukireen dirooniwwan fayyadamuun wiirtuwwan lojistikii "waraana Raashiyaaf galteewwan diroonifi meeshaalee garaa garaa dhiyeessun beekaman" haleluu ibsan.

    Yukireen yeroo dhiyoo as buufataalee boba'aafi wiirtuwwan galtee omisha meeshaalee waraanaa Raasihyaa irratti xiyyeeffachuun haleellaa gaggeessitu cimsitee jirti.

    Daangaa Raashiyaa keessa fageenya kilomeetira kumaan lakaa'amu seenuun haleellaan diroonii Yukireen gaggeessitu Raashiyaatti qormaata guddaa ta'aa jira.

  7. Paakistaan uggura Huutiin Galaana Diimaa irra kaa'e balaaleffatte

    Mootummaan Paakistaan uggura hidhattootni Huutii Yaman Sa'uudi Arabiyaa fi geejjiba galaanaa Galaana Diimaa irratti baasee cimsinee balaaleffanna jedhe.

    Ministeerri Dhimma Alaa Paakistaan ibsa baaseen, tarkaanfiin Sa'uudi Arabiyaa walitti bu'iinsa Bahaa Giddugaleessaatti hirmaachisuuf taasifamu akka isa yaaddesse ibse.

    Paakistaan nageenya, walabummaa fi abba biyyummaa Sa'uudi Arabiyaa deeggaruu itti fufti jedhe ibsi kun.

    Paakistaan, dooniiwwan alaabaa Paakistaan qabatanii deeman yookaan fedhii galaanaa biyyattii irratti haleellaan kamiyyuu yoo raawwatame, akka balaa guddaa nageenya biyyaatti irratti aggaamameetti ilaallaa jette.

    Mootummaan Paakistaan, yoo barbaachise seeraa idil-addunyaa fi Mirga of-Ittisuu irratti hundaa'uun humna waraanaa dabalatee tarkaanfii barbaachisaa hunda fudhachuuf mirga qabaachuus ibseera.

    Paakistaan, doorsisni Huutiin doonii daldalaa fi geejjiba galaanaa irratti uumu nageenya naannawaa, bilisummaa geejjiba galaanaa fi daldala addunyaa irratti balaa guddaa geessisa jechuun akkeekkachiifte.

    Haaluma wal fakkaatuun, mootummaa Paakistaan marii fi diplomaasiin qofa furmaati waaraan akka dhufu qaamoleen hundi seera idil-addunyaa kabajuu fi nageenya geejjiba galaanaa mirkaneessuuf ga'ee akka ba'an waamicha dhiyeesse.

    Paakistaan fi Sa'uudi Arabiyaan bara darbe waliigaltee ittisaa waliigalaa mallatteessaniiru. Waliigalteen kun haleellaan biyyoota lameen keessaa tokko irratti raawwatamu, akka haleellaa biyyoota lameenii irratti raawwatametti akka ilaalamu waliigalan.

  8. 'Iraan gara mariitti deebi'uuf cimsitee nu kadhachaa jirti'- Tiraamp

    Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp, Iraan waraanni akka dhaabbatuuf mootummaa Ameerikaa waliin mari'achuuf cimsitee kadhachaa jirti jechuun dubbatan

    Tiraamp Pirezidaantii Liibaanos Jooseef Awuun waliin Waayit Haawusitti ibsa miidiyaaf kennaniin, mootummaa Iraan "haala abdii kutannaa keessa jirti" jechuun ibsan.

    Mootummaa isaanii waliin mari'achuufis fedhii qabaachuu himaniiru.

    Haa ta'u malee, "Yoo marii hiika qabu geggeessuu hin barbaadne ta'e, nutis marii sana hin barbaannu," jechuun akeekkachiisaniiru.

    Gama biraatinis hidhattoonni Huutii Yaman sochii galaanaa Sa'uudi Arabiyaa irratti uggura kaa'uu isaanii ilaalchisee, Tiraamp, "Yoo Huutiin buufatawwan galaanaa Sa'uudi Arabiyaa cufe, Ameerikaan rakkoo kana ni hiikti," jedhan.

    Rooyitersi akka gabaasetti, dooniiwwan boba'aa Sa'uudi Arabiyaa sadii Galaana Diimaa keessa imalaa turan akeekkachiisa Huutiin kallattii isaanii jijjiiraniiru.

    Pirezidaantiin Liibaanos Jooseef Aawuun walitti bu'iinsi Israa'el fi Liibaanos akka dhaabbatu abdii qaban himanii, kun mootummaa Tiraampiif bu'aa seenaa keessatti yaadatamu ta'uu akka danda'u ibsaniiru.

    Tiraamp gamasaaniin, Ameerikaan Liibaanosiif deeggarsa barbaachisu hunda akka gootu waadaa galan.

  9. Dooniiwwan boba'aa Sa'uudii sadii akeekkachiisa Huutiin kallattii isaanii jijjiiran

    Akeekkachiisa Huutii Yaman irraa kenname hordofuun dooniiwwan boba’aa gurguddoon Sa’uudii Arabiyaa sadii Galaana Diimaa keessa qaxxamuraa turan akka ofirra deebi’an dirqamaniiru.

    Dooniiwwan kunneen boba'aa Sa'uudi Arabiyaa irraa gara Chaayinaa fi Hindiitti geessaa turan jedhameera.

    Michuu Iraan kan Sa’udiin akka diinaatti ilaaltu gareewwan Huutii dooniiwwan buufata doonii Sa’udii seenan ykn ba’an kamiyyuu irratti akka xiyyeeffatu akeekkachiisera.

    Dooniiwwan kunneen karaa Baab al-Mandab keessaa ba'anii gara Eeshiyaatti imaluuf karoorfatanii turan. Haa ta'u malee, akeekkachiisa hidhattoota Huutii Yaman booda kallattii isaanii jijjiiruun gara bo'oo Suweezitti deebi'aniiru.

    Akeekkachiisu Huutii erga dhaga'amee booda dhaabbileen inshuraansii balaa geejjibaa sadarkaa Galaana Diimaa fi buufatawwan Sa'uudi Arabiyaa irra jiru ol kaasaniiru.

    Ogeeyyiin geejjibaa akka jedhanitti, yoo nageenyi naannawaa Baab al-Mandab hammaate, dhiyeessiin boba'aa addunyaa fi daldalli caalaatti jeeqamuu danda'a.

    Haalli kun yeroo ulaan Hormuuz sababii walitti bu'iinsa Ameerikaa fi Iraaniin cufamee jiru keessatti mudate.

  10. Waliigaltee Ameerikaa fi Sa’uudii irratti yaaddoon ka’e

    Ameerikaan fi Sa'uud Arabiyaan waliigaltee humna niwukilaraa siiviilii mallatteessuuf qarqara irra jiru.

    Miidiyaaleen Ameerikaa akka gabaasanitti, mootummaan Pirezidaantii Doonaald Tiraamp fi kan Sa'uud Arabiyaa waliigaltee tumsa humna niwukilaraa irratti waligaluun isaanii yaaddoo uumera.

    Waliigalteen kun yeroo dhiyootti ifatti ni beeksifama jedhamee eegama.

    Yoo waliigalteen kun hojii irra oole, Sa'uud Arabiyaan humna niwukilaraa warshaalee boba'aa ishee keessatti fayyadamun oomishuu fi qopheessuu akka dandeessu taasisa.

    Gaazexaan Niwu Yoorki Taayims Kibxata darbe qondaaltota Ameerikaa maqaan isaanii hin ibsamne lama wabeeffachuun akka gabaasetti bulchiinsi Doonaald Tiraamp waliigaltee Sa’uudii Arabiyaa torban dhufu ifatti mallatteessee labsuuf karoorfateera.

    Ameerikaan fi Sa'uudi Arabiyaan waggoota hedduuf tumsa damee humna niwukilaraa kana irratti mari'achaa turan.

    Haa ta'u malee, miseensonni Kongireesii Ameerikaa muraasni yaaddoo isaanii ibsaniiru.

    Akka isaanii jedhanitti, Sa'uud Arabiyaan pirojektii kanaan gara fuulduraatti meeshaa waraanaa niwukilaraa horachuuf itti fayyadamuu dandeessi yaaddoo jedhu qabu

    Yoo waliigalteen kun ragga'e, hariiroon Ameerikaa fi Sa'uudi Arabiyaa,laafee ture akka fooyya'u ni eegama. Akkasumas, dhaabbilee daldalaa Ameerikaatiif carraa hojii fi invastimantii bal'aa uumaa jedhamee eegama.

  11. Lolli Iraan Ameerikaa Doolaara Biiliyoona 37.5 Baasise

    Ministirri Raayyaa Ittisaa Ameerikaa Piit Heegseet akka jedhanitti, lolli Iraan waliin gaggeeffamaa jiru hanga ammaatti Ameerikaa gara doolaara biiliyoona 37.5 baasiseera.

    Kunis tilmaama baatii Caamsaa keessa kenname irraa doolaara biiliyoona 8 caalaa dabaleera.

    Heegseet Koree Baajata Seenaatii Ameerikaa maallaqa dabalataa doolaara biiliyoona 87 Peentaagoniif oolu akka raggaasisan gaaftan.

    Isa keessaa doolaarri biiliyoona 67 hojii waraanaa Bahaa Giddugaleessaaf oolu jedhan.

    Akka isaan jedhanitti, baajanni kun yoo hin raggaane, mootummaa waraanaa keessatti hanqinni guddaan uumamee leenjii waraanaa, kaffaltii miseensota waraanaa fi meeshaalee waraanaa guutuun rakkisaa ta'a.

    Miseensonni Paartii Dimookiraatii garuu gaaffii mootummaa kana mormaniiru. Baasiin waraanaa kun yeroo lammiileen Ameerikaa rakkoo jireenyaa keessa jiranitti mootummaa "maallaqa daangaa hin qabne waraanaaf gaafachaa jira" jechuun mootummaa Tiraamp qeeqan.

    Waayit Haawus bara baajataa itti aanutti Peentaagoniif doolaara tiriliyoona 1.5 Ebla keessa Kongireesii gaafate, kunis baasii waraanaa U.S keessatti kan sadarkaa olaanaatti ol guddisudha.

    Lolli Ameerikaa fi Iraan gidduutti torban darbe irraa eegalee deebi'ee jalqabee, biyyoonni lamaan walii isaanii fi michoota isaanii irratti haleellaa wal jijjiiruun itti fufaniiru.

  12. Tiraamp buufata Niwukilaraa lafa jalaa Iraan haleeluuf dhaadatan

    Waraanni Ameerikaa fi Iraan gidduutti adeemsifamaa jiru guyyaa 11ffa seeneera.

    Ameerikaan Kibxata galgala galgala yeroo 11ffaaf walitti aansuun Iraan irratti haleellaa kan raawwatte yoo ta’u, Teehiraan Ameerikaan dhaabbilee niwukilaraa ishee irratti xiyyeeffachuu akka hin qabne akeekkachiifteetti.

    Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp mootummaa Iraan keessatti Naataanzitti kan argamu buufata niwukilaraa lafa jalaatti ijaarame irratti tarkaanfii waraanaa fudhachuu akka danda'an dhaadatan

    Akeekkachiisa kana booda mootummaa Iraan, Ameerikaan yoo buufata kana rukutte deebii cimaa akka kennitu beeksifte.

    Ajajni Waraana Giddugaleessaa Ameerikaa (CENTCOM) akka jedhetti, duulli waraanaa Iraan irratti gaggeeffamaa jiru dandeettii Iraan Ulaa Hormuuz keessatti doonii daldalaa sodaachisuu fi miidhuu dadhabsiisuuf kan kaayyeffatedha.

    Miidiyaan mootummaa Iraan akka gabaasetti, sirnoonni ittisa qilleensaa Teehiraan keessatti hojii jalqabaniiru.

    Miidiyaaleen mootummaa Iraan akka gabaasanitti,sirni ittisa qilleensaa magaalaa guddoo Tehran keessatti hojiirra oolera. Dhohinsi Tabriz, Chabahar, Konarak, fi Bushehr naannawa warshaan niwukilaraa Iraan lafa jalaa itti argamuutti gabaafameera.

    Ameerikaa fi michoota ishee Baha Giddu Galeessaa irratti haaloo baahaa kan jirtu Iraan, Doonaald Tiraamp Ameerikaan yeroo dhiyootti bakka niwukilaraa lafa jalaa naannoo Naataanz rukutti erga jedhanii booda haaloo bahuuf akeekkachiifteetti.

    Biyyoonni lamaan yeroo muraasaaf waliigaltee waraanaa dhaabuu irratti walii galanii turan. Haa ta'u malee, wal-dhabdeen Galaana Hormuuz waliin walqabatee yeroo ammaa irra deebiin gara wal waraanuutti ce'aniiru.

    CENTCOM akka himetti,Iraan ji'oota sadan darban keessa ''doonii daldalaa 30 ol irratti haleellaa raawwachuu himate

    Kanaafis Ajajni waraanaa Ameerikaa, buufatawwan waraanaa Iraan, humna galaanaa, humna qilleensaa fi bu'uuraalee waraanaa biroo hedduu irratti haleellaan raawwachii isaa ibseera.

  13. Ashamaa! Tamsaasa kallattii jalqabneerra

    Tamsaasa kallattii kanaan odeessa gurguddaa biyya keessaa fi alaa argattu.

    Nu hordofaa.

    Guyyaa gaarii!