US fi Saawud Arabiyaan waliigaltee Sa'udii niwukilera gabbisuu dandeessisu walii mallatteessufi
US fi Saawud Arabiyaan waliigaltee Sa'udii niwukilera gabbisuu dandeessisu walii mallatteessufi.
Biyyoonni lamaan Sawudiin niwukileraa akka gabbifattu waliigaltee dandeessisu irratti walii galuusaanii beeksisuuf jiru.
Aangawaan dhimma kanatti dhiyoo ta'e miidiyaa CBS News'tti akka himetti, biyyoonni lamaan Saawud Arabiyaan humna niwukileraa akka gabbiftu waliigaltee irra gahan har'a beeksisuufi.
Akka CBS'n gabaasetti, waliigalteen kun Sawudiin anniisaa nukilarii mataa ofii dachii ofii isheerratti akka gabbiftu heyyamuu danda'a.
Dhaabbileen waliigaltee kana keessatti hirmaatan ammatti kan hin ibsamne yoo ta'u, akka gabaasa CBS'tti manni maree kongireesii US dhimma kana irratti mariisifamuu qaba.
Mariin dhimma nukilarii gabbisuu biyyoota lamaan gidduutti kan eegale bara 2008 ture.
Bara Pirezdant Buush biyyoonni lamaan waliigaltee wal hubannoo dirqisiisa hin taane (non binding MOU) kan Saudi nukilarii misoomaaf misoomsuu ishee dandeessisu mallatteessanii ture.