Oladeemaan lammii Maaleshiyaa yakka ajjeechaa cimaan himatamee ture yeroo gochaa kana raawwate fayyaa sammuu 'sirrii' irra hin turre jedhamuun gadhiifame.
Oladeemaan kuni mana barumsaa sadarkaa lammaffaa bulchiinsa magaalaa guddoo biyyattii ala jirtu Kuwaalaa Luumpuuritti barattuu Yaap Shiing Shuween jedhamtu waraanee ajjeese.
Duuti shamarree ganna 16 kuni Maaleshiyaatti rifaatuu kan uume yoo tahu fayyadama miidiyaa hawaasummaa ijoollee irrattis falmii kaaseera.
Poolisiin jalqabarra gurbaan waan miidiyaa hawaasummaa irratti arguun kaka'ee tahuu hin oolu jedhe. Yeroo gochaan kuni raawwate ganna 14 qofa ture.
Sababa himannaa kanaan qondaaloti biyyattii fayyadama miidiyaa hawaasummaa daa'immanii irratti daangaa kaahuuf jiru.
Dargaggoon kuni seera Maaleeshiyaan maqaan isaa hin dhahamu - yakka kanas hin raawwanne jechuun jechasaa kenneera.
Yeroo dhaddachi taa'ame abukaatoowwan gurbaan kuni barattuu ajjeesuu hin haalle, garuu waggoootaaf rakkoo fayyaa sammuun dhibamaa ture jechuun 'nama maraataa' jedhuun akka hiikamu gaafatan.
Nama ijaan arge, ogeessa fayyaa sammuu dargaggoon kuni dhibee sammuu iskiizoofireeniyaa jedhamu akka qabu, sababa kanaanis umriisaa ganna sagal irraa qabee akka rakkataa ture ragaa bahaniiru.
Akka ogeeyyiin fayyaa jedhanitti gurbaan kuni jireenyasaa guutuu wal'aansi isa barbaachisuu mala.
Wiixata har'aa daanyaan bilisa akka bahu eeyyamuun garuu hospitaala dhibee sammuu keessatti daangeffamee yaalii akka argatu ajajeera.
Hamma fayyaan sammuu isaa deebi'eera jedhamutti gara hawaasaatti akka hin makamne, qorannoon fayyaa sammuu wagga waggaan akka irratti taasifamu ajajeera.