Filannoon biyyaalessaa Itoophiyaa marsaa 7ffaa har'a Waxabajjii 1/2026 adeemsifamaa ooleera.
Jiraattoonni sagalee isaanii kennanis haala filannoon itti adeemaa ture BBCtti himaniiru.
Jiraattuun magaalaa Jimmaa Najaat Hamiidaa Abbaa Nagaa, yeroo lammataaf filannoo irratti hirmaataa jirtu, namni ganamaan bahee akka filataa ture himti.
''Filannoo alanaa kan adda godhu dargaggoo baayyeetu bahee...ashaaraa ofii akka keewwatutti dha kan himaa gad bahe,'' jechuun waan taajjabde himti.
Shamarreen sagalee kennite kuni rakkoo nageenyaa mudate akka hin argine himteetti.
''Akka carra tahee manni koo dhihoo buufata filannoo jira. Namni nagumaan hiriiree hamma ammaatti haala ajaa'ibaan sagalee kennaa jira,'' jette.
Jiraataan godina Shawaa Bahaa aanaa Boosat maqaan akka hin eeramne gaafate oolmaa filannoon wal-qabatee rakkoon jiraatus filannoon geggeeffamaa ooluu hime.
Jiraataan kuni qaamni hidhate ''filannoo gufachiisuuf dhiibbaa godhame hedduu ture. Qaamni mootummaa humna jiru fayyadamuun hamma yaadame tahuu baatus dandamatee filannoo geggeessuun danda'ameera,'' jedha,
Qaamn ''maqaa Waraana Bilisummaa Oromootiin qaamni hidhatee bosona keessa socho'u ni jira beekamadha,'' jedhe.
''Eda halkan buufataalee filannoon irratti gaggeeffamurratti tarkaanfii fudhachuuf yaalii hedduutu godhamaa ture,'' jedhe.
Jiraataan kuni rakkoon kuni kan mudate buufata filannoo Borcataa, aanaa Boosat gandoota gaara ardaa irratti tahuu ibseera.
Dhiibbaa ykn aggaammii halkan turerraa kan hafe gara guyyaa wanti mudate akka hin jirre ni hima.
''Hanga ammaa guyyaarratti rakkoolee nageenyaa mudatan hin agarre. Hin dhageenyes,'' jedhe
Jiraataan Shawaa Roobiit, filataan maqaan hin eeramne, biraanis ''ganamaa kaasee xiqqoo gandoota ollaarraa dhukaasni dhagahamaa tureera,'' jedhe. Gandoota hundarratti dunkaanonni dhaabbatanii jiru jedhe.
Jiraataan kuni dabaluunis, ''gandoota ollaa Shawaaroobit keessatti filannoon waan filatame natti hin fakkaatu,'' jechuun bakkeewwan birootti garuu haala gaariin filatameera jedhe.
Sochiin humnoota nageenyaa ''gaarii'' akka tureefi hundumtuu qindoominaan asiif achi socho'aa to'ataa akka turan himeera.
Raayaan ittisa biyyaa, poolisiin, milishaa keessaa kan walitti babbahan yeroo yeroon hordoffii godhu bareeda.
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa buufataaleen filannoo akkuma seerri filannoo jedhutti ganama sa'atii 12:00 irraa qabe adeemsifamu himeera.
Hoggantuun olaantuu boordichaa,Melaatiworqi Haayiluu 'buufataalee filannoo qabnu keessaa kan sa’aatii 12’tti banaman 50,188 dha. Kan yeroodhaan hin banamne jiru. Buufataalee filannoo 695 ta’an immoo sa’aatii 12 booda gara 12:30 akkasumas sa’aatii tokko kan banaman jiru,'' jedhan.
Sababa rakkoo nageenyaan kan hin banamne gara 143 ni ta’u jechuun sababa rakkoo nageenyaan naannoleen filannoo sagalee kennuun adda cite jiru jedhan
Naannolee filannoo Oromiyaafi Amaaraa muraasa Billoo Nophaa, Gachii, Qarsaa, akkasumas Kutaa Barritti erga sagalee kennuun eegale booda sababa rakkoo nagenyaan bakki adda cite jiraachuu himaniiru.