Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

'Tiraampitu nu nyaachise' jedhan Rippaablikaanonni

Miseensonni Rippaablikaanii injifatamuu paartii isaaniin dallanan, Tiraampitu nu galaafate jechaa jiru.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Itoophiyaan dippilomaatonni Sudaan sa'aatii 48 keessatti akka bahan ajajje - Gabaasa

    Itoophiyaan dippilomaatota Sudaan Qontsilaa biyyattii Asoosaa jiru keessa hojjetaa turan biyyaa akka bahan ajajuu gabaasi mul'ise.

    Rooyitars aangawaa olaanaa Itoophiyaa maqaan hin dhahamiin eereeti kan gabaase.

    Murteen gabaafame kuni erga dirooniin daangaa Itoophiyaa keessaa dhukaafamaa badii bal'aa dhaqqabsiise jechuun Sudaan Itoophiyaatiin Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniifi Gamtaa Afrikaatti iyatte booda dhagahame.

    Mootummaan Itoophiyaa dhimma kanarratti ammatti ifatti deebiin kenne hin jiru.

  2. Amma nu gahe, 'Sababa lolaaf filannoo mo'amne' - JD Vaans

    Pirezidantiin Itti aanaa Yunaayitid Isteet JD Vaans filannoo walakkeessa US paartiin isaanii Rippablikaaniin dhaaba Demokiraatotaan mo'ameef waraana Iraan akka ta'e barreeffama X gubbaa maxxansaniin ibsan.

    ''Sababa waraanaaf mo'amne,'' jedhan.

    Dabaluunis, ''Namuu sababa mo'amneef beeka'' jedhan.

    Pirezidantiin US Donaald Tiraampiis sababa paartiin isaanii filannoo mo'ameef yeroo ibsan waraanni Iraan tokko akka ta'e ibsaniiru.

  3. 'Tiraampitu nu nyaachise' jedhan Rippaablikaanonni

    Miseensonni Rippaablikaanii injifatamuu paartii isaaniin dallanan, Tiraampitu nu galaafate jechaa jiru.

    "Isatu itti gaafatama. Nama biraa kamillee miti, Kuni guutummatti Tiraamp fudhatama dhabsiisuu natti agarsiisa," jedhe dhaadhessaan Rippaablikaaniin Biil Milar.

    "Kun waan balaafamaa hamaa takkaa mul'atee hin beekne. Kun akka ta'uuf jiru namuu hin tilmaamne," jedhe.

    Paartii Rippabiliikaanotaa keessatti, naasuun bu'aa filannoo uumame booda gara dheekkamsa Pirezidantii US irratti dhaleera.

    Erga Demokiraatonni kutaalee bulchiinsaa durii Rippaablikaanonni olaantummaa keessatti qaban kanneen akka Teeksas, Kaansas fi Saawuz Kaarolaayinaatti injifatanii, Rippabiliikaanotni tokko tokko dheekkamsa isaanii Traamp irratti xiyyeeffatan.

    Xiyyeeffannoon inni maqaa dhuunfaa isaatif kennee fi dhimmoota fardii uummataa ta'aniif dantaa dhabuun isaa paartichi teessoo Kongirasii keessatti olaantummaa akka dhabu taasiseera jedhanii falmu.

    Gorsaan tarsiimoo Rippabiliikaanotaa Minesootaa keessaa Gregg Peppin, "Kun dogoggora tokko irratti dogoggora biraa dabaluu dha, uummanni kutaa bulchiinsaa hunda keessatti, imaammata pireezidantichaa hin jaallanne," jedhe.

    Michuun Traampi kan Waayit Hawuus tokkos akka jedhetti, erga waraana Iraanii as kaffaltii taarifaa fi tarkaanfii hamaa bulchiinsichi godaantota irratti fudhateen booda, "dallansuun uuumataa " uumame "baay'ee ol'aanaa" dha jedhe

  4. Iraan filannoo US irratti dhiibbaa uumuuf marii lafarra harkiftee?, Jiyaar Gol, Xiinxalaa Dhimmoota Addunyaa

    Ammallee Iraan filannoo US irratti dhiibbaa uumteetti.

    Guyyaa har'aa waggaa 47 dura barattoonni Iraan Embasii US Tehiraan keessa argamu humnaan to'achuun dippilomaatota US ugguranii turan.

    Rakkoon guyyoota 444'f ture suni filannoo bara 1980 irratti Jiimi Kaartar Ronaald Reeganiin akka mo'aman gumaache.

    Iraan waliin lola amma jiruun gatiin boba'aafi qaala'iinsi jireenyaa waliin dabaalamee Ruppablikaanonni filannoo akka mo'aman gumaacheera.

    Akkasumas Demokiraatonni chaambariiwwan Kongirasii lamaan akka to'atan taasise.

    Xiinxaltoonni mootummaa Iraanitti dhihoo jiran miidiyaa mootummaarratti ifatti dhihaachuun mariin Ameerikaa waliin taasifamu akka dheeratu dubbataa turan.

    Kunis, rakkoon dinagdee yoo cime siyaasa Donaald Tiraamp akka laaffisu abdachuuni.

    Iraan amma Kongirasiin Demokiraatotaan to'atame waraana biraa Iraan irratti akka hin banne ni daangessa jechuun abdachuu malti.

    Kongirasiin maallaqa dhorkuufi murtee pirezidantii irratti gaaffii dhiheessuus akka ajajaa olaanaa waraana Ameerikaatti Tiraamp ammallee dhiibbaa guddaa qabu.

  5. 'Tiraamp ammallee pirezidantii keessani' - Masaraa Waayit Haawus

    Filannoo walakkeessa US paartiin dimookiraatotaa irra aanaa jiruurratti masaraa Waayit Haawusii waan haaraa dhagahameera.

    Miidiyaa hawaasummaa irratti suuraa Tiraamp qooduun ''Tiraamp ammallee pirezidantii keessanii'' jechuun katabe.

    Paartiin Donaald Tiraamp, Rippablikaanii, filannoo kanaan milkaa'aa hin jiru - mo'ameera.

    Tiraamp bu'aa filannoo kanarratti yoo dubbatan dimookiraatonni ''waan gaarii hojjetan'' jedhan.

    Silaa isaan filannoorratti argamanii paartiin isaanii qabxii kanarra fooyyee qabu akka galmeessu dubbatan.

  6. 'Masaanummaan US Iraan waliin qabdu ni jijjiirama warri jedhu guddaa dogoggore' - Mojtabaa

    Mojtabaa Kaamenii kanneen jijjiiramani siyaasaa Ameerikaa keessatti dhufu "masaanummaa Iraan waliin qabdu ni jijjiira" jedhanii yaadan "guddaa dogoggoru" jedhan.

    Hogganaan Olaanaan Iraan Kaameniin Ameerikaan yoo irra deebiin kan Iraan haleeltu ta'e, "deebiin kenninu hammisaa daran guddaadha" jedhan.

    Hogganaa Olaanaan Iraan kan abbaa isaanii Alii Kaameniin Guraandhala 28, haleellaa US-Israa'elii ajjeefamuu booda aangootti dhufani as uummata duratti mul'atanii hin beekan.

    Yaadni kun xalaya barreeffamaa fuula ja'a qabu kan bara 1979 weeraramuu embaasii US Kaaba Tehraan keessatti raawwatame yaadachuuf bahe irraa kan fudhatamedha.

  7. 'Ameerikaanonni WARAANA DIDAN'- Iraan mo'atamuu Rippaablikaanotaarratti yaada kennite

    Dubbii Himaan Paarlaamaa Iraan Mohammad Baagheer Gaalibaaf, namni Iraan bakka bu'uun marii nagaa irratti hirmaachaa turan, bu'aa filannoo walakkeessaa Ameerikaa irratti yaada kennan.

    "Qalbii ofiitiin ykn qaalayiinsa jireenyaatiin haa ta'u, Ameerikaanonni WARAANA DIDAN, nutis ergaa isaanii kana ni deeggarra," jechuun fuula X isaaniirratti barreessan.

    "Mootummaan Ameerikaa yoo uummata ofii ganee bitamtoota fi doorsistoota idil-addunyaa tajaajile, halkan hamaan akka itti dhufu barata."

    Tiraamp Fox News waliin yeroo dubbatan, waa'ee gabaasa US tarkaanfii dabalataa Iraan irratti fudhachuuf karoorfataa jirtu ilaalchisee" waan guddaa tokko gochuu qabna" jedhan.

    Dabalataanis, "haleellaa hamaa" dabalachuu akka danda'u ibsan.

  8. Maraatoonii Niiwu Yoorkirratti shamarreen fiigaa turte of wallaaltee duute

    Maraatoonii Niiwu Yoork irratti dorgomaa kan turte shamarreen umuriin ishee waggaa 24 taate Reechel Oppaa, dorgommicha xumuruuf wayita kiiloomeetiriin sadii qofti hafetti of wallaaltee booda lubbuun ishee darbe.

    Abbaan shamarree kanaa Istiiv Oppaa akka dubbatetti, intalli isaa "fayyaa guutuu kan qabduu fi haala gahumsa qaamaa gaariira" turte.

    Isteetii Peensilveeniyaa, Leewisbeerii irraa kan dhufte Reechel Oppaa akaakayyuu ishee dhukkuba Paarkiinsesiin miidhameef kabaja kennuuf, akkasumas maallaqa walitti qabuudhaaf garee Shaampiyoonaa Paarkiinses Faawondeeshinii waliin fiigaa turte.

    Reechel Oppaa maraatoonii yoo fiigdu kun kan jalqabaashee ta'ullee, shamarree ispoortii hojjettu akka turtee fi dorgommii kanaaf jecha ji'ootaaf qophaa'aa akka turte abbaan ishee New York Times'tti himeera.

    Abbaan ishee kun itti dabaluun, dhukkuba baayyee baratamaa hin taane Raabidomaayolaayisiis (Rhabdomyolysis) jedhamuun qabamuu fi du'uu isee dubbateera.

    Poolisiin Niwu Yoork Reechel Oppaa kuftee erga argamteen booda gara hospitaalaa geeffamtee halkanuma sana lubbuun ishee darbe jedheera.

  9. ‘Lammileen Ameerikaa ergaa ifa ta'e dabarsaniiru’ - Baaraak Obaamaa

    Pirezedantiin duraanii Ameerikaa Baaraak Obaamaan ummanni Ameerikaa sagalee filannoo walakkeessarratti kenneen ergaa ifa ta'e dabarseera jedhe.

    Paartii Dimokiraatoorraa kan ta'e Obaamaan egeree Dimokiraatoonni aangoo bulchiinsa Tiraampirra fudhachuuf qophitti jiraachuu barreessan.

    ‘’Ummanni Ameerikaa siyaasa ummata addaan qoodu otoo hin taane, kan walitti fidu, akkasumas hoggantoota rakkoo hawaasicha mudatuuf fala qabatamaa fidu barbaada’’jedhanii dhimma firii filannoo akeeku toora miidya hawaasaarratti barreessan.

    Kaadhimamtoonni jajjaboon filannoo kanarratti fedhii ummataa Ameerikaa galmaan ga’uuf naannoo hundatti hiriiru jajan.

    Namoonni filannoo kanaaf kadhimaman bakkaa fi ilaalcha siyaasaa gara garaarraa dhufuu ibsaniiru.

    ''Jarri kun ummata fi biyyasaanii Ameerikaa dursuu isaanitu tokko taasise'' jedhanii leellisan.

    Obaaman barri bulchiinsi Tiraamp obba’uuf waggaan lama hafuu ibsuun, ‘yeroon bakka aangoo qabnutti jijjiirama fiduuf qophoofnu gaheera’ jedhan.

    Bulchiinsi Tiraamp ‘’badii dabalataa akka hin raawwanneef fi bulchiinsa marroo ittaanuuf yeroon itti qophoofnu ammadha’’ jedhan.

  10. Tiraamp paartiin Rippablikaanii mo'amuu isaatiif sababa ijoodha jedhe tarreesse

    Bu'aan filannoon walakkeessaa Ameerikaa akka pirezidant Doonaald Tiraamp barbaadan hin ta'iin hafe.

    Warri Dimokiraatotaa Seeneetii fi mana-maree bakka bu'oota ummataa mo'achuun Kongiresii manneen maree irraa fi jalaa to'ataniiru.

    Injifannoon kun ammoo adeemsa bara aangoo pirezidant Tiraamp hafan akka murteessu ni eegama.

    Pirezidant Doonaald Tiraamp mo'atamuu paartii isaatiif sababoota ijoodha jedhe tarreesseera.

    Waraana Iraan fi gatii boba'aa

    • Pirezidant Tiraamp waraana Iraan fi gatii boba'aa akka malee qaala'e Dimokiraatonni filannoo walakkeessaa akka mo'atan gochuu isaa amaneera.
    • Gatiin boba'aa dabaluun Paartii Rippablikaanotaa irratti miidhaa geessisuu isaa Fox News irratti kan dubbate Tiraamp, ummanni boba'aaf maallaqa dabalataa kaffaluuf dirqamuu isaa "hin jaallanne" jechuun ibse.
    • Qorannoon yaada ummata afilannoo dursee gaggeeffame filattoota biratti ajandaa duraa kan ture dhimma dinagdee akka ta'e agarsiiseera.
    • Tiraamp turtii Niwu Yoork Taayim waliin taasiseen ammoo, bu'aa filannichaa fudhachuuf qophii ta'uu isaa dubbateera. Hirmaannaan Ameerikaan waraana Iraan keessatti qabaataa turte garuu, "murtee ogummaa baayyeetiin ta'edha" jechuun ibse.

    ‘Ani filannootiif hin dhiyaanne’

    • Tiraamp fuula miidiyaa hawaasaa isaa 'Social Turth' jedhurratti ergaa dabarsee fi gaaffii fi deebii sabaa himaalee biroo waliin taasiseen, maqaan isaa waraqaa sagalee kennan irra osoo jiraateera ta'ee Rippabilikaanonni mo'achuu akka danda'an irra deddeebiin dubbateera.
    • “Filannicharra ani hin turre, kaadhimummaatiin waanan hin turreef namoonni baayyeen bahanii sagalee akka kennan gochuu hin dandeenye," jechuun New York Times'tti dubbate.

    ‘Dimokiraatonni hojii gaarii hojjetaniiru’

    • Doonaald Tiraamp turtii FOx News waliin taasiseen, Dimokiraatonni "hojii gaarii akka hojjetan" amaneera. Rippablikaanonni "hiriira duula filannoo guddaa" erga gaggeessanii booda bu'aa galmaa'een "xiqqoo akka dinqaman" itti dabaluun ibseera.
    • Dimokiraatonni Kongiresii dhuunfachuun isaanii karoorawwan Tiraamp kan gufachuusullee, pirezidantichi garuu warra Dimokiraatotaa waliin hojjechuuf fedhii qabaachuu ibseera.
    • Tiraamp "wantonni hedduun" warra dimokiraatotaa waliin hojjechuu isa dandeessu jiraachuu Fox News'f ibsulleen, Wool Istiriit Joornaal irratti yaada kenneen garuu barbaachisaa ta'ee argamnaan "aangoo sagalee sagaleen kuffiisuu (Veto) isaa" akka gargaaramu beeksise.

    Odeeffannoo dabalataaf:

  11. Filannoo walakkeessaa US: Maal argamsiisa, maal hanqisa? Gaafilee ijoo 7fi deebii

    Dhimmoota ijoo 7 waa'ee filannoo walakkeessaa US beekuu qabdan

    Bu'aan filannoo kanaas turtii pirezidaantummaa Doonald Tiraamp kanaan boodaarratti dhiibbaa guddaa qabaachuu danda'a.

    Lammiileen Ameerikaa Sadaasa 3, 2026 miseensota Kongirasii biyyattii kan filatan yemmuu ta'u, kongirasiin kun Mana Maree Bakka Bu'ootaafi Seeneetii ofkeessatti qabata.

    Filannoon kun marsaa waggaa lama lamaan adeemsifama. Yeroon itti adeemsifamus pirezidaantiin biyyattii waggoota afuriif filame waggoota lamaan jalqabaa erga tajaajileen boodadha.

    Hojiin koongirasii inni ijoon seerota federaalaa baasuufi raggaasisuu yemmuu ta'u, seeronni kunis guutummaa biyyattiitti hojiirra kan oolanidha.

    Kanaafis bu'aan filannoo walakkeessaa paartii Tiraamp kan ta'e Ripablikaaniimoo, morkataasaa Dimokiraatootatu koongirasii to'ata kan jedhu murteessa. Bu'aa kanarratti hundaa'unis pirezidaantichi karoorasaanii salphaatti hojiirra oolchuu danda'u yookinimmoo hojiirra oolchuuf rakkachuu danda'u.

    Kana malees bu'aan filannichaa lammiileen US hojii pireezidaantiinsaanii waggoota lamaan darbaniif hojjetaniin hagam gammadoo akka ta'an kan ittiin madaalamu akka ta'ettis ilaalama.

  12. ‘Waantin ani akka filannoo injifataniif raawwadhe hin milkoofne’ - Iloon Maask

    Tujaarri addunyaa kanaa Iloon Maask kaadhimamtoota paartii Rippaabilikaanotaa gargaaruuf Doolara Ameerikaa miliyoona 455 baasuu dhaabbanni Oppin Sekiriit jedhamu gabaasera.

    Maask kutaa bulchiinsa Teeksaasitti kaadhimamaan paartii Ripaabilikaanii Keen Paaksitan akka filannoo walakeessaa Ameerikaa kana injifatuuf Doolara miliyoona 200 gargaare.

    Paaksitan garuu kaadhimamaa paartii Dimokiraatootaa Jeems Talaarikoon inijifatame.

    Maask iddoo jireenyasaa fi hojiiwwan bizinasii isaas gara Teksaasitti waggoota muraasa dura geeddaree ture.

    Jeems Talaarikoon fiannoo injifachuusaa mirkaneeffannaan akkas jedhee dubbate: "Biliyeenaroota fi Tiliyeenarri maallaqa guddaan warra Rippaabilikanii gargaartan, akkasuma warri malaammaltoonni sirna siyaasaa biyya kana keessatti hojiin ala ta’e kana gargaartan waanti beeku qabdan; aangoon kan ummataati’’ jedhan.

    Maask toora X gubbaatti gara booda akkas jedhe:’’ Filannoo koo tilmaami -waantin ani akka filannoo injifataniif raawwadhe hin milkoofne’ jedhe.

    Odeeffannoo biroo kana waliin deeman:

  13. Dhalattuun Itoophiyaa Melaat Kiroos filannoo walakkeessaa US mo'atte

    Dhalattuun Itoophiyaa umuriin ishee waggaa 29 taate Melaat Girmaa filannoo walakkeessaa Ameerikaa mo'achuun seenaa hojjette.

    Melaat Koloraadoo Distiriktii 1 irraa bakka bu'uun filatamuu dandeesse.

    Meelaati filannoo kana mo'achuusheetiin dubartii sanyuu gurraachaa fi dargaggeettii jalqabaa taateetti.

    Caalmaa sagalee guddaan kan argatte Melaat Kiroos,Demookraatota bakka buutee Koloraadootti dorgomtee waggoota shanan darbaniif teessoo Kongirasii kan qabattee turte bakka buutuu Rippaablikaanotaa mo'atte.

    Amajji dhufu waadaa galuun hojii akka jalqabdu ni eegama.

    Melaat yeroo daa'imummaasheetti Itoophiyaarraa gara Ameerikaa deemte.

    Sooshaal Dimokiraatii kan taate Meelaat, Israa'el Gaazaa keessatti duguuggaa sanyii raawwatteetti jechuu isheetiif ijoo dubbii taateetti.

    Melaat Dimokiraatii beekamaa Barnii Saandars irraa deeggarsa argatteetti.

    Wallaansa fayyaa hundaaf, dursi mana jireenyaaf, kunuunsa daa'immanii fi jaarolleef, waajira godaantota ari'u cufuu fi gurgurtaa meeshaa waraanaa dhorkuu kannene jedhan irratti xiyyeeffannoon akka hojjettu yeroo duula filannoo gaggeessiaa turte irra deddeebiin ibsaa turteetti.

    Odeeffannoo filannoo walakkeessaa Ameerikaa biroof:

  14. Rippaabilikaanonni mataa buusanii gom’aa jiru, Demookiraatonni Tiraampiin afaan qabachiisan

    Filannoo walakkeessaan mogolee isaan buuse hordofee Rippaablikaanonni miira akkamii keessa akka jiran tilmaamuuf rakkisaadha.

    Rippoortarri Waayit Haawus Barnid Debusmaan Rippabilikaanota itti dhiyaatuu fi bilbilee dubbiserraa hubadhe jedhee akka gabaasetti, hedduun isaanii akka mo’aman eeganillee sadarkaa kanatti ta’a jedhanii garuu hin tilmaamne.

    “Kun kanan yaadeen ol baayyee fokkisaadha. Kun dha’icha,” jechuun miseensi Rippablikaanii tokko ergaa barreeffamaa isaaf erguu dubbate.

    Rippablikaaniin biraa rippoortariin kun dubbise ammoo maaltu akka gara darbe ilaallee murteessuuf yeroon itti aanu “gadi taa’anii dhimmanii yeroo itti of ilaalanidha” jedhe.

    Haala Kanaan dura hin baramneen kan afaan qabsiifame Tiraamp, mo’atamuu paartii isaa kanaaf sababiin kaadhimamtoota paartichaa ta’uu himuun, gatiin boba’aa dabaluunis gahee akka qabu amaneera.

    Haata’u malee, keessoo paartichaa keessaas, namoonni buleeyyiin sababii mo’atamuu isaaniif aanga’oota Tiraamp akka Iraan waraanuuf dhiibaa turan jechuun komataniiru.

    Kanneen biroo ammoo kufaatii paartii isaatiif kan komatamuu qabu Tiraamp ofuma isaati jechaa jiru.

  15. Waraanni Iraan filannoo walakkeessaa irraatti dhiibbaa uumeera- Tiraamp

    Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp filannoo walakkeessaa ol aantummaa paartii Dimokiraatotaan goolabamaa wayita jirutti Fox News irratti rippoortarootaaf deebii kenne.

    Tiraamp US Iraan keessatti haleellaa gaggeessuuf karoorfachaa jiraachuu dubbateera.

    "Waan cimaa ta'e tokko hojjechuu qabna," jechuun Fox News'tti hime. Haleellaan amma gaggeessuuf karorfatan kun "rukkuttaa hamaa" akka ta'es kaaseera Tiraamp.

    "Matumaa meeshaa waraanaa nukilaraa qabaachuun isaanii hin ta'u," jedhe pirezidantichi.

    Dorgommii filannoo walakkeessaa kanaan qaala'uun gatii boba'aa paartii isaa, Rippabilikaanota' miidhuu kan hime Tiraamp, namoonni boba'aaf yeroo beesee guddaa baasan "itti hin tolu, hin jaallatan" jedhe.

  16. Tiraamp warra Demookiraatiin 'waan gaarii hojjettan baga gammaddan' jedhe

    Tiraamp warra Demookiraatiin 'waan gaarii hojjettan baga gammaddan' jedhe.

    Pireezidantiin Ameerikaa Donaaldi Tiraamp bu'aa sagalee filannoo walakkeessaa irratti miidiyaa Fooks Niiwus irratti yaada kenneen warra Demookiraatii 'waan gaarii hojjettan'' jedhe.

    Tiraamp faara filannoo ture ibsuun bu'aa filannoon dinqamuu hime.

    ''Duula jabaa goonee ture,'' jechuun Tiraamp ''xiqqoo bu'aa sagaleen dinqameera,'' jedhe.

    Pireezidantichi dubbii araarfataa fakkaatuun warra Demokiraatii wajjin ''waan baayyee, baayyee wajjin hojjenutu ture,'' jedhe.

    Bu'aa filannoo kanaa kaabineesaa keessatti jijjiiramni akka hin taasifamne hime.

  17. Gahumsi Dimookiraatonni agarsiisan dambalii, sunaamii ykn sigiga lafaa osoo hin taane - tasa hundeerraa kan lafa raasedha

    Gulaaltuun BBC Ameerikaa Kaabaa Saaraa Ismiiz Dimokiraatonni baayyeema abdataniyyu sadarkaa kanatti ni mo'anna jedhanii waan yaadan natti hin fakkaatu jechuun injifannoo ajaa'ibaa paartiin galmeesse ibsiti.

    "Raawwiin Dimokiraatotaa argaa jirru dambalii, sunaamii ykn sigiga lafaa miti, tasa hundeerraa kan lafa raasedha."

    Ameerikaan turtii waggaa lama Doonaald Tiraamp waajira keessa ture 'si hin barbaadnu' jechuun sagalee guddaadhaan dubbataniiru.

    Doonaald Tiraamp wayita duula filannoo gaggeessaa turetti filattoota duratti waan akka filannootti dhiyaatuutti fakkeessuun ture. Duulas adda duree Rippablikaanotaa ta'ee cimsee gaggeessaa ture.

    Amma kaadhimamtoota paartii isaatu filattootaan tufame.

  18. Dimokiraatonni mana-maree US dhuunfatan, Seenetii Teeksaas waggaa 30 keessatti yeroo jalqabaaf moa'atan

    Filannoo walakkeessaa Ameerikaatiin Dimokiraatonni Mana-maree Bakka Bu'ootaa harka caalu dhuunfachuun, seeneetii deebisanii harka galfachuuf wallaansoo taasisaniinis injifannoo seena qabeessa galmeessisaniiru.

    Dimokiraatonni amma bara aangoo Pirezidant Doonaald Tiraamp hafe keessatti Kongiresii to'annoo isaanii keessa galfataniiru.

    Teksaas, Kansaas fi Ohayoo dabalatee bakka kanaan dura warri Rippablikaanotaa mo'achuun beekaman keessatti osoo hin hafiin dhuunfataniiru Dimokiraatonni.

    Filannicha ilaalchisuun yaada jalqabaa kenneen akkas jedhee miidiyaa hawaasaa isaarratti barreesse Doonaald Tiraamp: "Ani filannootti hin dhiyaanne, garuu osoon dhiyaadheera ta'ee amansiisnee mo'anna ture."