Asseet Darajjee, Mis World Africa 2025, shaampiyoonaa dargaggootaafi Ambaasaaddara UNFPA ta'uun filatamte

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Miss World Afrikaa 2025 kan taate Asseet Darajjee dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Fandii Dhimma Ummataa (UNFPA) Itoophiyaatiin sagalee dargaggootaafi shamarranii akka taatuuf Shaampiyoonaa Daraggootaafi Ambaasaaddara UNFPA ta'uun filatamte.

UNFPA Ethiopiaa akka fuula miidiyaa hasaasaa isaarratti baasetti, Miss World Africa 2925 ifatti Shaampiyoonaa Daraggootaa ta'uun filatamteetti.

"Asseet Itoophiyaa keessatti fayyaa, mirgootaa, akkasumas carraawwan dargaggootaaf akka uumamuuf kaka'umsaafi cichoomina uumti. Waliin taanee, sagaleen dargaggootaa akka ol ka'ee dhaga'amuufi jijjiiramni qabatamaan akka dhufuu ni hojjenna. Asseet, gara imala kanaatti baga nagaan dhufte!" jedha ergaan UNFPA Ethiopiaan baarreesse.

Ifatti Asseet Darajjee Shaampiyoonaa Daraggootaa gochuun yeroo simannu gammachuunidha kan jedhe UNFPA Ethiopia, dargaggootaafi egeree isaaniitiif sagalee humna qabu taati jedhee akka abdatus ibseera.

Miss World Africa 2015, Asseet Darajjee Shaampiyoonaa Daraggootaafi Ambaasaaddara UNFPA ta'uun filatamuushee gammachuu qabdu miidiyaa hawaasaasheerratti ibsiteetti.

"Waan amman ga'uu ol ta'etti tarkaanfadheera. Itoophiyaa keessatti Shaampiyoonaafi Ambaasaaddara UNFPA ta'ee filatamuukootti kabajatu natti dhaga'ama. Kun callisee maqaa qofa miti, itti gaafatamummaa dargaggootaafi dubartootaaf, akkasumas warra sagaleen isaanii dhaga'amuun irra jiraatuuf, eegumsi maluufi aangeffamuu qabaniif dhaabbachuudha," jette Asseet.

Dorgommiin Baredduu Addunyaa bara 2025 (Miss World 2025) marsaa 72ffaa Indiyaa giddugala agarsiisaa HITEX Hayderabad, Telanganatti gaggeeffamerratti ture Afrikaa bakka bu'uun Asseet kan dorgomte.

Bareedduwwaan Addunyaa biyyoota adda addaa108 ta'an dorgomichaa irratti hirmaachuun bareedduu addunyaa bara darbee lammii Cheek Rippabiliik irraa goonfoo fudhachuuf wal dorgomaa turan.

Bareeddun Itoophiyaa bakka bu'uun hirmaatte Hasset Darajjee dorgommii miidhagina qaamaa qofa utuu hin taane, dandeettii addaa baay'ee cimaa ta'e gaafatuu fi karoora pirojeektii hawaasa keessatti jijjirama fiduu danda'u qabaachuu gaafatu kana keessatti akka milkoofte Hasset Darajjee BBC' tti himtetti.

Asseet Darajjee eenyu?

Hasset Dereje shamarree ganna 19 yoo taatu, Yuniversitii Saayinsiifi Teknolojii Finfinnetti, barattuu keemikaalaa injinariingiiti.

Dorgommii callallii bareedduu Addunyaa kan kanaan dura Afrikaa kibbatti taasifame ture injifachuun Itoophiyaa bakka buutee bareedduu addunyaa marsaa 72ffaa Hindii Hayidaaraabaaditti gaggeeffamu irratti hirmaate.

Abbaa ishee konkolaachisaa fi haadhashee miseensa poolisii ta'an irraa magaalaa Finfinneetti kan dhalatte Hasset, barnoota isheen alatti fedhii muuziqaa, moodeliingii fi tajaajila hawaasaa irratti qabdun carraa kanaaf ga'uu akka dandeesse himti.

Kanaanis yuuniversiitii fi dorgommii bareedinaa sadarkaa biyyaatti gaggeefaman keessatti hirmaachuu kan eegalte yoo ta'u, milkaa'inaa fi muuxannoo biyya keessatti argatteen aadaa fi eenyummaa Itoophiyaa waltajjii addunyaarratti beeksisuuf doorgommii bareeddu addunya bara 2025 kanaaf carraa argateetti.

Dorgommii baredduu Addunyaa bara 2025 kana irratti Hasset dandeettii fi miidhagina ishee kan agarsiifte yoo ta'u, bareeddota addunyaa hanga 24 keessa galuu dandeesseeti.

Hasset dandeettii aartii fi kennaa addaa qabdu agarsiiftee marsaa itti aanutti darbuuf carraaqqii akka taasiftuus BBC'tti himteetti.

''Bareeddota guutuu addunyaa irraa dhufanii fi hawaasa isaanii keessatti dhiibbaa uumuu danda'an waliin dorgommii taasifamuudha. Dorgommii miidhaginaa haa jedhamu malee bifaa fi dhaabbi keetin qofa injifatta utuu hin taane hawaasa addunyaa keessatti dhiibbaa akkamii uumuun jijjirama fiduu akka dandeessun dorgomta.''

Kanaaf kun karoora guddaa qabaachuu, hawaasaaf fakkkeenya ta'uufi biyya ofii waltajji idil-addunyaatti beeksisuuf of kennanii hojjachuu gaafata jette.

Aaadaa fi eenyummaa Itoophiyaa beeksissun alattis xiyyeeffannoon ishee barnoota shamarranii fi hojii tola ooltummaa akka ta'e ibsiti Hasset.

"Dhaabbilee deegartootaa adda addaa waliin ta'uun haadholii fi daa'immaan deeggarsaa barbaadan irratti hojjataan ture, yoon injifadhees injifachuu baadhus kana cimseetuman itti fufa. Shamarran carraa kana akka argatan akkasumas milkaa'uu akka danda'an humneessuu irratti hojjachuun barbaada'' jetti.

Ani as kaniin gahuu danda'e bareeddun anaa olii hin jirtu utuu hin taane, abdii kutuu dhabuudhani, kan jettuu shamarreen tun, waan tokko irratti dafanii abdii muruun akka hin barbaachifne hawaasa keessatti hubannoo uumuun jijjirama fiduu barbaada jetti.

Muuxannoo mataa ishee irraa ka'uun, shamarranii fi dargaggoota Itoophiyaa keessatti carraa barnootaa hin argannee akka argatan, kanneen deeggarsa barbaadan akka deeggaramanii fi shamarran ol ba'anii mul'achuun hawaasa isaanii keessatti jijiirama fiduu hawwaniif kaka'uumsa akka taatu himti.

Bareedduwwan Afrikaa

Bara kana bareedduun Afrikaa hedduun dorgommii bareedduu addunyaa kana irratti hirmaataniiru. Kanneen hirmaatan keessaa muraasni kannen walakkaa xumuraaf darban kana keessatti argamu.

Dorgomtoonni kunneen miidhagina uuman qaban dabalataan agarsiisa aadaafi eenyummaa biyya isaanii akkasumaas danddetti addaa fi kennaa hojii aartii qabaniin wal dorgomu.

Biyyota akka Itoophiyaa, Keeniyaa, Gaanaa Madagaaskar,Afrikaa KibbaaAngoolaa, Botosuwaanaa,Kaameeruun,Ayivoorii Koost, Ikuwaatooriyaal Giinii fi Naajeeriyaa dabalatee Afrikaa bakka bu'uun kanneen dorgomaa jiran keessati.

Dorgommii guyyaa muraasa giddutti taasifamuun baredduwwaan 10 qofti xumuraaf kan darban yoo ta'u Caamsa 31 ammoo guyyaa bareedduun addunyaa itti beekamuun gonfoo fudhatuudha.

Waltajjiin akkasii kun waltajjii dubartoonni dandeettii isaanii itti agarsiisaniifi mirga dubartootaa ittin leellisaniidha.

Dorgommii agarsiisa adaa fi eenyummaa akkasumallee pirojeektota rakkoo hawaasummaa keessumaa miidhaa dubartoota irra ga'u irratti hubanno uumuuf kaka'uumsa guddaa uumudha.