Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Wabiin gadhiifamanan "Tsimdootti makamuu danda'u" jechuun poolisiin ol iyyannaan miseensonni IHAPA osoo hin hiikamiin hafan
Namoonni siyaasaa 'Itoophiyaa Hizbaawwii Abiyootaawwii Paartii (IHAPA)' fi ogeessi seeraa torban darbe manni-murtii akka hidhaatii bahan murteesseef poolisiin ol iyyannoo waan dhiyeesseef osoo hin hiikamiin hafuu isaanii abokaatoon isaanii BBCtti hime.
Shakkamtoonni kunneen wabiin kan gadhiifaman yoo ta'e "garee Tsimdoo waliin walitti makamanii miliquu danda'u" jechuun murtee manni murtii gara gadii jiru murteesse mormuun poolisiin ol iyyannoo gaafateera.
"Yakka shororkeessummaan" kan shakkaman namoonni siyaasaa IHAPA Obbo Abbabaa Akaaluu fi Obbo Yisaaq Waldaay, akkasumas abokaatoo kan ta'e Obbo Abarraa Nigus tokkoo tokkoon isaanii wabii birrii kuma 50 dhiyeessuun akka hiikaman manni murtii Federaalaa torban darbe Jimaata Fulbaana 5, 2026 ture kan murteesse.
Maatiin shakkamtootaa kaleessa Fulbaana 8, 2026 maallaqa wabiif gaafatame qabsiisanillee, poolisiin mana murtii waliigalaatti ol iyyachuun osoo hin gadhiifamuu isaanii abokaatoon isaanii Obbo Salamoon Gazzaaheny BBCtti dubbateera.
Ol iyyannoo poolisiin Federaalaa mana murtii waliigalaa ijibbaataatti dhiyeeffate shakkamtoonni sadanuu "garee Tsimdoo jedhamu bosona jiru waliin hariiroo kallattii qabu" jechuun ibseera.
Kana waan ta'eefis, yoo kan wabiin hiikaman ta'e, "haala yeroo ammaa jiru waliin garee farra nageenyaa kanatti makamuu akka danda'an shakkii baayyee qaba " kan jedhe poolisiin, "yeroo barbaadamanitti nu jalaa miliquu danda'u" jechuun mormii isaa dhageessisuu abokaatoon isaanii ibseera.
Poolisiin guyyaan qorannon adda baafachuu dabalataa 14 akka kennamuuf iyyata dhiyeesseen gaafateera.
Shakkamtoonni kunneen wabiin yoo bahan "Tsimdootti makamuu danda'u" yaada jedhuun ol iyyannoon poolisiin dhiyeesse dhimma falmii mana mmurtii gara gadiirratti kan hin kaane ta'uu Obbo Salamoon kaaseera.
Akka seeraatti, poolisiin ol iyyannoo dhiyeessuu kan danda'u, "qabxiiwwan mana murtii gara gadiirratti irratti falmii gaggeesserratti qofa malee waan haaraa dhiyeessuu hin danda'u kan jedhu abokaatoon kun, falmii mana murtii waliigalaa irratti turerratti ol iyannoon poolisii kun akka kufaa taasifamuuf falmuu isaas ibseera.
Dhaddachi mana murtii waliigalaa waan bitaa fi mirga jiru kan dhaggeeffate yoo ta'u, dhimmicha qoratee murtee kennuuf A L I Fulbaana 5, 2019 irratti beellama kenneera.
Obbo Salamoon akka jedhetti, shakkamtoota keessaa lamaan, Obbo Yisaaq Waldaay fi Obbo Abarraa Nigus biiroo qorannoo yakkaa Poolisii Federaalaa keessa turan irraa gara buufata poolisii Boolee 24tti dabarfamanii Obbo Abbabaa Akaaluu garuu achuma tureera.
Namoonni siyaasaa lamaaniifi ogeessi seeraa Obbo Abarraa Nigus kan to'annoo jala oolfaman A L I Adoolessa 27, 2018 ture.
Namoonni kunneen to'annoo jala kan oolfamaniif, "garee Tsimdoo waliin dhoksaatti hariiroo uummachuun" dhaabbileen humnoota nageenyaa mootummaa Finfiinneetti argamuufi aanga'oota ol aanoo mootummaa irratti haleellaa shororkeessummaa gaggeessuuf sochiirra osoo jiranii," akka ta'e poolisiin himateera.
Ogeessi seeraa Obbo Abarraa Nigus amma namoota "garee Tsimdoo waliin hariiroo qabaachuun shakkaman" keessaa tokko ta'e kun abokaatoo Obbo Taayyee Danda'aa turuun isaa ni yaadatama.