Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Namoonni tokko tokko bitaafi mirga adda baasuu maaliif rakkatu?
Bitaafi mirga adda baasuu dadhabuun dogoggora ijoollee fakkachuu mala garuu ga’eessonni baayyeen bitaafi mirga isaanii himuu rakkatu.
UKtti hakimni baqaqsanii wal’aanuu Heenrii Maash dhukkubsataasaa bira taa’a, rakkoon dhagahe dogoggora isaan akka dhufe garuu hin barre ture.
Dhukkubsataan narviin irreesaa keessatti citee hafe, wal’aansa baqaqsanii hodhuun mormasaa irratti taasifameen booda garri itti mormisaa baname dogoggara tahuutu barame.
Dogoggora wal’aansa fayyaa irratti mudatu keessaa yaalii baqaqsanii hodhuu gara bitaafi mirgaa waliin dhahuun kan uumamu tokko dha.
Ija isa bitaatti qoricha waraanuuf jecha isa mirgaatti gochuu, seelii dhukkubsataa harma mirga keessaa baasuuf isa bitaa keessaa basuu fa’i akka fakkeenyaatii ka'u.
Dogoggorri salphaa fakkaatu kuni lubbuu dhukkubsattootaa balaarra buusuu danda’a.
Namni baayyee bitaafi mirga ijoollummaatti adda baasuu danda’us, kaan garuu ga’eessummaattillee bitaafi mirgi, itti bitaacha’a.
Namoota gariiniif bitaafi mirgi akkuma gubbaafi gajjallaa himuu dha. Namoota ja’a keessaa tokko garuu waci yeroo bira jiraatu, oduu biraatiin yoo jeeqaman bitaafi mirga dogoggorsuu danda’u.
''Namni duubaa fi fuuldura himuun isa dhibu hin jiru, gubbaafi gajjallaas akkasuma,’’ jedhu Neezarlaand Yunivarsiitii Leeyidanitti, qorattuun xiinsammuu(neuropsychology) Ineekee Vaan Der Haam.
Bitaafi mirga himuun garuu adda dha jedhu. ‘’Kunis biaafi mirgi kallattii qixxee ykn wal-fakkaataarra waan jiraniifi yeroo ofirra galagallu gatii geeddaramuuf, nama burjaajessaa,’’ jedhu.
Bitaafi mirga adda baasuun adeemsa wal-xaxaa, waa yaadachuu, dandeettii afaaniifi nuuressa sammuu gaafatu dha. Dhimma kana qorattoonni hubachuu kan jalqaban yeroo dhihootiin asitti dha.
Yeroo bitaafi mirga adda baasuu barbaannu sammuu keenya keessa maaltu taha? Namoota kaaniif salphatee, kaaniin maaliif rakkisa.
Bitaa fi mirga harka ilaalanii himuu
Qorannoon, Ineekee Vaan Der Haam fi waayiloti isaaniin bara 2020tti maxxanfame akka jedhutti namooti %15 tahan bitaafi mirga adda baasuu irratti dandeettiin isaanii gad-aanaa(gahaa) akka hin taane himu.
Hirmaattota qorannoo kanaa 400 keessaa walakkaan bitaafi mirga adda baasuuf ‘’harka isaanii fayyadamu.’’
Qoraannoo kanaan qoramaata ‘Bergen right-left’ hirmaattotaaf kennuun mala isaan fayyadamanii bitaafi mirga adda baasan baruuf yaalameera.
Fakkii namoota gara fuulduraa ykn gara duubaatti garagaalan akkasumas harka isaanii haala gargaraan dachaasani ykn kaa’an harka isa halluu addaan dibame bitaafi mirga tahuu adda akka baasan gaafataman.
''Kana adda baasuun hirmaattotaaf salphaa ture, tahus fakkii nama 100 oliifi irra deddeebiin adda baasuun rakkisaa itti tahee ture, ‘’ jedhu, Ineekee Vaan Der Haam.
Hirmaattonni qorannoo kanaa fakkii namaa ilaalan isaanirraa garagalee jira taanaan ykn akka isaan taa’etti taa’eera taanaan bitaafi mirgasaa himuu hin rakkatan.
Fakkiin namaa hirmaattotaatti galagalee harka qaxxaamursee jira taanaaniifi harki bitaa kara wal-fakkaataarra yoo jiraateef adda baasuu hin rakkatan.
''Kana jechuun bitaafi mirga gama adda baasuutiin qaama keenya hanga tokko fayyadamnaa jechuu dha,’’ jedhu Ineekee Vaan Der Haam.
Gaaffiin itti aanu namoonni qormaatarra turan battala gaafatamaniiti harka isaanii ilaalaniitu wal-bira qabumoo, yaadannoo sammuu isaanii keessatti kuufamerraa odeeffannoo fudhachuuni kan jedhu dha.
Kana mirkaneessuuf qoramaata biraa hirmaattoonni harkasaan minjaalarra wal-qaxxaamurasanii ykn otoo hin qaxxaamursiin akka kaa’an gochuun booda, takkaa akka harkisaanii mul’atu yeroo kaan immoo harkasaanii huccuu gurraacha uffisuun akka isaan hin argine godhame.
Garuu qorannoon kuni akka agarsiisutti jijjiiramni taasifame bu’aa qorannoo kanaa hin jijjiirre. Kana jechuun hirmaattoonni bitaafi mirga adda baasuuf dirqama harka isaanii ilaaluu hin barbaadan.
Akka qorattuun kuni jedhanitti, ‘’dhimma kana guutummaan guutuutti hin hubanne, garuu qaama keenya ykn yaada qaama keenya bitaafi mirga adda baasuuf fayyadamna, kunis qaamni keenyi fakkeenyaaf harki keenya iddoo isaati ijaa hin sochooneefi.
Namoonni fakkii akka isaan taa’anitti taa’e bitaafi mirgasaa dafanii himuu danda’an warreen bitaafi mirga adda baasuuf harka isaanii fayyadaman ykn sammuu isaaniitti yaadatanii himaniifi dubartoota dha.
Dhiiroti dhimma kanarratti deebii kennuun saffisa qabaatanillee, qorannoo kanaan duraa, dhiiroti bitaafi mirga adda baasuun gahumsa fooyya’aa qabu jedhu hin mirkaneessu.
Namoonni maaliif bitaafi mirga adda baasuu irratti dandeetti garagaraa akka agarsiisan ifaa miti. Garuu kutaan sammuu isa tokkoo isa kaan xiqqoo caala taanaan namoonni bitaafi mirga adda baasuu irratti hin rakkatan jedhu Yunivarsiitii Liyoonitti qorattuu sammuu kan tahan Allis Goomeez.
Gama biraan dhimma yeroo ijoollummaa keenyaa barannuu dha kan jedhan, Ineekee Vaan Der Haam, ‘’daa'imni tokko ijoollummaasaatti bitaafi mirga adda baasuuf yoo carraan kennameef, fakkeenyaaf xiqqoo akka deemeen bitaafi mirgasaa yoo gafatame boodarra kallattiiwwan lameen kana adda baasuun qaxalee tahuu mala,’’ jedhan.
Bitaafi mirga beekuun hojii keenya guyyuu keessatti dhimma barbaachisaa tahus. Yeroo itti dhimma jireenyaafi du'aa tahummoo jira, fakkeenyaaf Dr Heenrii Maash dogoggora bitaafi mirga adda baasuu dhabuun uume sirreessera, Garuu hakiimni dogoggora salphaa kanaan kalee isa sirrii hin taane, miila isa hin dhukkubsanne fa’i yoo mure ykn baasee badiinsaa asiifi as miti.
Ogummaan fayyaa keessatti qofa miti rakkoon bitaafi mirga adda baasuu dhabuun kan uumamu. Kapitaeeniin doonii oofullee dogoggora akkasiif yeroo saaxilamu mula’ateera. Dooniin Taayitaaniik akka dhidhimtu sababoota godhan keessaa tokko kana.
Akka qorattoonni jedhanitti aragamaafi kallattii adda baasuuf mallattoowwan gargaraa fayyadamnus bitaafi mirga isa adda baasuuf namoota akkaan rakkisuuf garuu mallattoon agarsiistuu badaa hojiirra hin oolu jedhu.