Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Biyyoonni miseensa Waliigaltee Makkaa akkaataa Sa'udii gargaaranirratti aanga'oota Iraan waliin mariyachuuf
Wayita Sa'udii Arabiyaan haleellaa Huutii ofirraa ittisuuf qophii ittisaa cimsaa jirtutti, biyyoonni michootashee ta'an Iraan waliin marii tasisuuf ta'uun ibsame.
Biyyootni Waligaltee Makkaa waliif mallatteessan: Sa'udii Arabiyaa, Turkii fi Paakistaan Wiixata har'aa Tehraan keessatti aangawoota Iraan waliin dhimma haleellaa Huutiin Sa'udii irratti raawwattu ilaalchisee ni mari'atu jedhamee eegama.
Aangawoonni olaanoon Sa'udii Arabiyaa, Turkii fi Paakistaan Tehraan dhaquu fi aangawoota Iraan waliin marii eegaluuf ta'uu maddoonni odeeffannoo kana beekan Rooyitarsiitti himaniiru.
Mariin kun yeroo haleellaan Huutii Yaman Iraaniin deeggaraman Saa'udii Arabiyaa irratti dabalaa jiruu fi walitti bu'iinsi naannawaa hammaachaa jirutti kan gaggeeffamudha.
Akka maddoonni lama Rooyitarsiif ibsanitti, Saa'udii Arabiyaa Ministira Ittisaa ishee Amiir Kahaalid bin Salmaan, Paakistaan immoo Ajajaa Waliigalaa Waraana biyyattii Fild Maashaalii Aasim Muniiriin marii kana irratti kan hirmaachisan ta'uun ibsameera.
Hooganaan olaanaan dhaabbata basaasa Turkii, Ibraahim Kaalin, akkasumas marii kana irratti ni hirmaatu jedhameera.
Itti aanaan barreessaa qaama nageenyaa olaanaa Iraan, Ali Bagheri Kani televizhinii mootummaa biyyattiitti akka himanitti, aangawoonni kunneen Tehraanitti dhufuun Mana Maree Nageenyaa Biyyaalessaa Olaanaa Iraan waliin mari'atu.
Haleellaan Huutii fi yaaddoo nageenyaa
Erga haleellaan Huutii Iraaniin deeggaramanii fi Saa'udii Arabiyaa giddutti hammataa dhufee as, Iraani fi biyyoota waliigaltee ittisaa Makkaa mallatteessan sadan gidduutti mariin sadarkaa olaanaa kun isa jalqabaa ta'a.
Saa'udii Arabiyaan tibbana haleellaa misaa'elaa fi diroonii Huutiin ishee irratti raawwatan heddu ofirraa ittisuu beeksisteetti. Haa ta'uu malee Ameerikaan walitti bu'iinsi kun dabaluu akka danda'u akeekkaxhiisuun lammileen ishee Saa'udiidhaa akka bahan ajajjjeerti.
Haleellaan Huutii kun waraana Ameerikaa fi Israa'el Iraan irratti gaggeessaa jiran keessatti yaaddoo nageenyaa addunyaa kan biraa ta'ee mul'achaa jira.
Sa'udii Arabiyaan michuu Ameerikaa taatus, haleellaa gareewwan Iraan waliin hidhata qaban irraa ishee muudate waraana isheen hin eegne keessa akka seentu taasiseera.
Ameerikaan akeekkachiisa nageenyaa Onkoloolessa 25, 2026 baaste, sababa balaa nageenyaa kanaatiin hojjettootni mootummaa Ameerikaa hojiiwwan hatattamaa hin taane irratti bobba'an fi maatii isaanii Sa'udii Arabiyaa keessaa akka bahan ajaja kenneera.
Ameerikaan haleellaan buufata xiyyaaraa fi bu'uuraalee murteessoo irratti raawwatameen miidhaan namoota sivilii irra ga'uu fi sochiin imalaa jeeqamuus eerte.
Paakistaan Ameerikaa fi Iraan gidduutti araara buusuuf gahee olaanaa taphachaa turte. Ajajaan Waliigalaa Waraana Paakistaan Aasim Muniir torban darbe Tehraan daawwachuun Pirezidaantii Iraan Mas'uud Pezeeshkiyaan fi aangawoota olaanoo biroo waliin wal arganiiru.
Miidiyaaleen Iraan akka gabaasanitti, marii isaanii sana irratti aangawoonni Iraan, gaaffiiwwan biyyattiin dhiyeessite hanga guutamanitti Waashingitan waliin marii akka hin gaggeessine himaniiru.
Carraaqqiin araaraa duraan Paakistaan dabalatee taasifame Waxabajjii keessa waliigaltee nagaa yeroo gabaabaa uumuuf gargaaree ture.
Haa ta'u malee, torban muraasa booda lolli Ameerikaa fi Iraan gidduutti deebi'ee jalqabuun waliigaltichi diigame.
Waliigalteen Makkaa maal jedha?
Turkiin, Paakistaan fi Sa'udii Arabiyaan Hagayya keessa Waliigaltee Ittisaa Waliinii Makkaa mallatteessaniiru.
Waliigalticha jalatti, haleellaan waraanaa miseensa tokko irratti yoo raawwatame akka haleellaa miseensota hunda irratti raawwatametti ilaalamee waliif tumsina jedha.
Keewwanni jalqabaa waliigaltichaa, biyyoonni waligalticha mallatteessan sadan guutummaa biyyattii, abbaa biyyummaa fi daangaa biyyoota miseensa ta'an irratti sodaa uumamu hambisuuf "karaalee barbaachisoo hunda" fayyadamuun akka waliif tumsan eera.
Jalqaba ji'a Onkoloolessaa keessa, ministiroonni biyyoota waliigaltichaa Riyad keessatti walga'ii hatattamaa gaggeessuun humnootaa fi dandeettii waraanaa Sa'udii Arabiyaa keessatti saffisaan bobbaasuuf waliigalaniiru.
Paakistaan waliigalticha torban darbe raggaasisteetti.
Turkiin immoo Mana Maree Bakka Bu'oota ishee keessatti waliigalticha raggaasisuuf marii kan jalqabde yoo ta'u mariin kunis itti fufaa jira.
Mariin Tehraanitti gaggeeffamuuf karoorfame kun, haleellaan Huutiin itti fufuu fi walitti bu'iinsi Ameerikaa, Israa'elii fi Iraan gidduutti uumame tasgabbii naannawaa irratti dhiibbaa geessisaa jirutti, biyyoonni naannawaa haala nageenyaa irratti walii galtee fi qindoomina akkamii uumu inni jedhu eegamaa jira.