Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Du'eera naan jedhan': Ijoollee naannoo buufata waraanaatti dhalatanii waa'ee loltoota UK abbaa isaanii ta'an baran
Mucaan dhiiraa Keeniyaa umuriin isaa waggaa sagal ta'e "Edwaard" jedhamu abbaan isaa akka loltuu Biriitish keessa hojjete beeka ture. Gurbaan bifti isaa hiriyyoota isaa kaan caalaa ifaa ta'e kun waggootaaf arrabsamaa tureera.
Abbaan isaa osoo Edwaard (maqaa isaa isa sirrii miti) hin dhalatiin dura haadha isaa iyyummaa hamaa keessatti dhiisee deeme. Haati isaa ammoo sababa daa'ima abbaan bira hin jirre qabduuf maatiisheetiin moggeeffamaa turte.
Amma namni kun [abbaan Edwaard] karaa bu'aa qorannoo qaccee sanyii (DNA) adda ta'eefi adeemsa seeraatiin barameera. Abbaan Edwaard fi kanneen biroo 19 buufata waraanaa UK Keeniyaa jiru keessa kontiraaktara ta'uun hojjetan.
Namoonni kunneen karaa qorannoo DNA fi adeemsa seeraa gaggeeffameen abbootii daa'imman naannoo buufata waraanaatti dhalatanii ta'uun isaanii barameera.
Dhimmoota 12 daanyaan Mana-murtii Maatii UK olaanaa qabatee hordofaa tureen abbummaan seeraa mirkanaa'uu qorannoo BBC World Service gaggeesse mul'iseera.
Adeemsi kun daa'imman warra abbaan isaanii eessa akka jiru hin beekne, yookaan ammoo warra abbaan isaanii eenyu akka ta'e hin beekne -ykn warri abbaan isaanii akka du'etti akka amanan taasifamaniif adeemsa kun deebii kenneeraaf.
Hundi isaanii hidda isaanii barbaadaa turaniiru, rakkoon maallaqaas isaan mudateera.
Kanneen 12 dhimmi isaanii mirkanaa'e keessaa harki caalan lamummaa Biriitish argachuuf galmaa'uuf ulaagaa guutaniiru.
Kanneen umuriin isaanii 18 gadi ta'e ykn barnoota irra jiran deeggarsa daa'imaa argachuuf ulaagaa guutaniiru.
Ogeessi seeraa UK Jaams Neettoo fi bakka dhimmichi itti ilaalamaa jiru Keeniyaarraa ammoo Kalviin Kubaa'i, galmeewwan dhimmoota daa'imanii Buufata Leenjii Waraanaa UK Keeniyaa keessa jiruu (Batuuk) loltoota Biriitish irraa dhalatanii 100tti dhiyaatu banamaniiru jedhu.
Lakkoofsi kun kanayyu caaluu danda'a jedha Neettoon.
Buufanni waraanaa UK Baatuk jedhamu bara 1964 bakka Nyaanyukii kara kaaba Keeniyaatti kiiloomeetira 185 magaalaa Naayiroobiirraa fagaatee argamutti kan hundeeffame yoo ta'u, turtii isaa keessatti dhimmoonni falmisiisoo ta'an irratti ka'aa tureera.
Gaaffiin paarlaamaa Keeniyaa irratti waggoota lamaaf ka'aa ture Mudde darbe loltoonni Biriitish "yakka raawwataniif itti gaafatamummaa seeraa malee" hojjechaa turan jechuun himate. Loltoonni kunneen miidhaa saal-qunnamtiin walqabatan, himannaawwan ajjeechaa lama, sarbamiinsa mirgootaa, naannoo mancaasuun, akkasumas ijoollee naannoo sanaa gatiifi dagachuun miidhaa akka qaqqabsiisan taasiseera.
Ministeerri Ittisaa UK dhimma kanaaf deebii kenneen, "Humni Ittisaa UK Keeniyaa keessatti argamuu isaatiin walqabatee dhimmoota ka'aniifi rakkoo uumameef baayyee gadduu" himuun "rakkoo uumame kana furuuf tarkaanfii fudhachuu itti fufna jedheera."
Jaams Neettoon jalqaba dhimma daa'imman abbaa isaanii barbaadan waliin kan walitti fidame bara 2024 Nyaanyukii keessatti ture.
Ogeessota waliin ta'uun "qabee meeshaa qorannoo DNA" qabatanii Keeniyaa qaqqaban.
Isaan booda loltoota Biriitish abboota ijoollee ta'anii garuu dhabaman soquuf daataabeezii keessaa hidda dhalootaa waggaa sadii hanga 70 saamuda DNA ragaa qaccee sanyii waliin sassaabanii wal bira qabuun ilaalan.
Mana-murtii UK keessatti "wanti kana fakkaatu DNA ballinaan qorachuun kanaan dura hojjetamee hin beeku, jedhe Neettoon. Kanaaf, gareen isaa kana qoratan ragaa saamuda baayyee wal bira qabuun ilaalan hedduu argatan. Bara darbe, Ancestry.com, irratti pirofaaylii miliyoona 30'tti siquti DNA komershiyalaiif dhiyaaterratti kan argame. Kun ammoo isa yeroo kamirrayyu caalaa guddaadha.
Argannoon adda ta'e kun warreen akka Edwaard fi haadha isaa Nasiboof bu'uura irraa kan jireenya jijjiiru fidee dhufe. Kana hordofee amma abbaa isaarraa deeggarsa maallaqaa argachuuf mirga argateera.
"Duraan warra kabaja qaban natti fakkaatu ture," jetti Nasiiboo waa'ee loltoota Biriitish yeroo ibsitu. Abbaan Edwaard dhuguma akka ishee jaallatuu fi akka ishee kunuunsu amanti turte.
Xalayaa haati loltuu kanaa osoo isheen hin ulfaa'iin dura Nasiiboof barreessiteen, ilma ishee akkas waan gammachiifteef galateeffatte eargineerra. Nasiiboonis akka ulfooftee daa'ima eeggachaa jirtu yeroo itti himtu waan gammade itti fakkaatee akka ture yaadatti.
Mucaan dhalatu kun yoo dhiira ta'e maqaa obboleessa isaatiin akka moggaaftu ishee gaafachuu dubbatti. Isaan booda qubeelaa gaa'elaa godhatee gara UKtti deebi'uu isaa dubbatti.
Yeroo Nasiboon ulfa ji'a afurii turettidha, balaa tasaatu mudate jechuun gara UKtti deebi'uu akka qabu itti himee deemuun achumaan qunnamtii hunda akka kute hafuu kan himtu.
Nasiiboo firootashee tokko tokkoon dirqisiifamtee mana maatii gadhiistee akka deemtu kan taasifamte yoo ta'u, ilmi ishee bifti isaa ifaa ta'uu isaatiin mana barumsaatti akka arrabsamu dubbatti.
"Maqaa ijoollee 'koloneeffattoota Ingilizii' jedhanii moggaasuuf," jechuun nutti himte. UKn bara 1895 hanga 1963tti Keeniyaa bulchaa akka turte ni yaadatama.
Neettoon abbaa Edward argachuu kan danda'e erga manni murtii Ministeera Ittisaa, Ministeera Hojii fi Sooramaa, akkasumas HM Galiifi Gumurukii maqaa fi teessoo namichaa akka argatan qajeelfama kennee boodadha.
Namichi Neettoon odeeffannoofi teessoo isaa Nasiboo ykn ilma isaaniif akka hin qoodne gaafatee ture, garuu abukaatoon kun kunuunsa daa'immanii akka kaffalu dirqisiisuuf adeemsa mana murtii jalqabuuf adeemsarra ture.
Lammiin Keeniyaa kan biraan, shamarreen umuriin ishee ganna 18 taate Yuvoon, waa'ee abbaa ishee Edward caalaa xiqqoo beekti turte. Waraana Biriitish keessa akka tajaajilaa ture itti himamee ture garuu maqaa isaas hin qabdu, du'eera jettee amanaa guddatte.
Haatishee daa'imummaatti waan irraa duuteef, loltoonni Baatuk [Keeniyaa] abbaan ishee akka du'e akaakayyuufi akaakayyuu isheetti himan.
Pirojektiin seeraa kun - karaa ilma obboleessa haadha namichaa, kan DNAn isaa Ancestry.com irra olkaa'amee ture waliin walbira qabaee ilaalameen - abbaan ishee lubbuun jiraachuufi UK keessa jiraachaa akka jiru ifa godheera.
Ajaja mana murtii shan erga cabsee booda, dhuma irratti guyyaa dhimmi isaa ilaalamaa ture sanatti argame. Abbaa Yuvoon ta'uusaa mirkaneessuuf qorannoo DNA gaafatame, bu'aan isaas torban tokko booda akkas ta'uu agarsiise.
Yeroo sanatti Yuvoon waliin wal arguu hin barbaadne ture. Garuu intalli adaadaa isaa Yuvaan arguudhaaf fedhii guddaa akka qabdu dubbatti.
Adeemsa abbootii kana adda baasuu keessatti hunda miti kan fedhii dhabe.
Loltuu duraanii Biriitish bara 2004 buufata Naanyukii keessa kan ture Fiil, intala isaa kan umuriin ishee waggaa 20 taate Kaatii baruutti gammachuu qaba.
Jalqaba haadha Katii kan taate Maagiif gaaffii gaa'elaa kan dhiheesseef yoo ta'u, ji'oota jalqabaa jireenya daa'ima isaanii keessatti intala isaa waliin yeroo dheeraa dabarseera. Garuu yeroo gara bobbaa biraatti ce'u bilbilli isaa hatamee odeeffannoo quunnamtii isaanii akka dhabe dubbata.
Maagiin abbaan ishee akka duʼe Kaatiitti himuun akka salphaa taʼetti yaaddee ture. Garuu akkuma umuriin ishee dabalaa dhufeen Katiin lubbuun jiraachuu isaa hubattee Feesbuukii irratti ergaa erguuf yaaltee turte, garuu isaan hubachuu dhabuun akkaawuntiihee itti cufuu dubbata.
Yeroo sanatti Waraana keessaa bahee yeroo muraasaaf mana dhabee fayyaa sammuu isaatiin rakkachaa akka ture dubbata. "Jireenya siiviiliitti ce'uun salphaa hin turre," jedha.
Kaatiinis yeroo sanatti rakkachaa kan turte yoo ta'u, lubbuu ishee balleessuuf yaaluun qarqararra geessee turte.
"Guddachaa yeroon deemu, sababii sanyiifi waantota kanaan walqabatan hunda haatikoo hubachuu hin dandeenye tokko tokko waan jiraniif nama abbaa naaf ta'u baay'ee akka na barbaachisu natti dhaga'ame. Dhuguma kophummaan akka natti dhaga'amu na taasise."
"Kutaan kee kan ati hin beekne tokko jira. Akka waan guutummaatti iccitii siif ta'etti."
Manneen murtii UK keessatti abbaa ta'uun isaa mirkanaa'ee isaatiif, Fiil ''waan baay'ee nama gammachiisu'' jechuun ibsa.
Kaatii waliin akka quba walqabaniifi, amma isheef akkasumas Maagiif deeggarsa maallaqaa tokko tokko kennaa akka jiru dubbata.
"Kaatiitti himeera... waanan hojjedhu waan fedheyyu ta'u, yeroon ishee waliin dabarsuun osoo narra jiruu dhabe gonkumaa bakka buusuu hin danda'u. Garuu wanti ani gochuu danda'u, waan narraa eegamuufi gochuu danda'u hunda gochuu qofa."
Kaatiin amma UK daawwachuu abdachaa jirti.
Neettoon akka jedhutti, abbaa maamiltoota isaa keessaa hanga ammaatti ijoollee isaaniif maallaqa ergaa kan jiru Fiil qofaadha.
Abukaatoon Keeniyaa Dhaabbata tolaooltummaa Connecting Roots Kenya jedhamu hundeessuun ijoollee loltoota Biritish irraa dhalatanii deeggaruuf gargaaru Kalvin Kubaa'i, baay'ina daa'imman gaa'ilaan ala dhalatan ilaalcha keessa galchuun hariiroo akkanaa irratti uggurri guutuu ta'e jiraachuu qaba jedhee kan amanu yoo ta'e gaafanneerra. Innis cimsee kana akka mormu dubbate.
"Kun uumamaan ilaalcha baay'ee sanyummaadha, sababiin isaas loltoonni baay'inaan adii ta'an rakkoo isaanitti fidu jedhanii dubartoota gurraacha irraa akka fagaatan gaafachaa jirtu. Furmaanni sirriin gochuun danda'amu. dhiironni kunneen yeroo leenjii waraanaa isaanii Keeniyaatti fudhatan ijoollee godhataniif akka itti gaafataman mirkaneessuu qofa."
Hojiin Neettoo fi Kubaa'iitti fufee jira jedhu, ji'oota muraasa dhufan keessatti dhimmoonni dabalataa Mana Murtii Olaanaatti dhiyaachuu qabu.
Ministeerri Ittisaa akka nutti himetti: "Bakka himannaan yakkaa Hojjettoota Tajaajila UK keessatti bakka gocha seeraan alaa raawwachuu hin jirrefi yaaddoon addaa poolisii biyya keessaatiin hin kaanetti Ministeerri Ittisaa UK hin qoratu.
Himannaan abbaa ta'uu tokko tokko hariiroo waliigaltee waliin kan walqabatu ta'uu danda'a, kunis imaammata Ministeerri Ittisaa UK kan faallessu miti."
Ajajaan garee leenjii waloo waraana Biritish kennu Birg Siimoon Ridgway, namoonni dhimma abbaa ta'uun miidhaman tajaajila daa'immanii biyyoolessaa Keeniyaa waliin dubbachuu qabu jedha. "Isaan booda UK waliin dubbachuu, sana booda gama gaaffii deebisuufi himannaawwan sana akkuma isaan dhufaniin ilaaluun deeggarsa kamiyyuu ni kennina."
Qorannoon paarlaamaa Keeniyaa Muddee keessa gaggeeffame mootummaan Naayiroobii mala haaraa "loltoonni Baatuk daa'imman waliigaltee malee dhalataniif deeggarsa daa'immaniif akka itti gaafataman, qorannoo DNA fi deeggarsa qoor-qalbiifi hawaasummaa daa'imman loltoota Baatuk irraa dhalatan dabalatee" akka kaa'u gaafatee ture.