'Bilbileeraaf' - Jeneraalli beekamaan TPLF tibbana harka kennate eenyu?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Ajajaa waraanaa TPLF Kibba Tigraay kan ta'e Meejar Jeneraal Yohaannis W/Goorgis, Raayyaa Ittisa biyyaa Itoophiyaatti harka kennachuu maddeen waraana Itoophiyaatti dhihoo ta'an lama BBC'tti himan.

Jeneraal Yohaannis maqaa Joon Medid jedhamuun kan beekamu yoo ta'u miseensa Ajaja Giddugaleessaa TPLF fi ajajaa waraanaa Kibba Tigraay turan.

Akka maddoonni kunneen jedhanitti, Jeneraal Yohaannis, eegdotaa isaa fi ajajota waraanaa sadarkaa Koloneel irra jiran torba dabalatee loltoota biroo waliin, Wiixata darbe Godina Giddugaleessa Tigraay, Aanaa Raamaa, naannoo Qushee Simret jedhamutti humnoota mootummaa Itoophiyaa fi michoota isaaniin marfamuun harka kennachuuf dirqaman.

Akka Maddi tokko BBC'tti himetti, Jeneraal Yohaannis yeroo ammaa magaalaa Adwaa harka Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa jira.

Haa ta'u malee Mootummaan Itoophiyaa hanga ammaatti dhimma kanaa irratti ibsi keenne hin jiru.

Odeeffannoowwan adda addaa miidiyaa hawaasaa irratti deeggartoota mootummaan tamsa'aa kan jiran yoo ta'u, gareen kun waraana irratti booji'aman moo bakka dhokatanii harka kennatan kan jedhu BBC'n addatti hin mirkaneeffanne.

Jeneraal Yohaannis bara 2021 humnoota Tigraay irra deebiin gurmeessuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu isaatiinis beekama.

Waggoota dhiyoo as ajajaa waraanaa qofa osoo hin taane, nama siyaasaa dhiibbaa qabu t'anii ibsamu.

Kessumaa ajajoota olaanoo bulchiinsa Yeroo Ce'umsaa Tigraay, kan duraan Pirezidaantii bulchiinsa yeroo sanaa turan Geetaachoo Raddaa, morman keessaa tokko turan.

Miidiyaalee adda addaa irratti mul'achuun, yeroo hooggansa Tigraay keessatti qoodinsi dabalaa dhufe, yaada siyaasaa falmisiisaa ta'e kennuun beekamoo ta'aniiru.

Mootummaa federaalaa fi Adda Bilisummaa Ummata Tigraay (TPLF) gidduutti walitti bu'iinsi siyaasaa uumamuu dura, Jeneraal Yohaannis Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa keessatti aangoo olaanaa qaba ture.

Keessumaa, sochii waraana irraa soorama bahuu isaan dura ajajaa olaanaa waraana Dhihaa ta'ee tajaajiluu isaa odeeffannoon argame kan mul'isu.

Erga waraanni Tigraay bara 2020 keessa jalqabee as, Jeneraal Yohaannis humnoota waraanaa Tigraay ijaaruu fi hoogganuu keessatti shora gudda akka bahetu himama.

Waraanni haaraan Kibba Tigraay keessatti erga deebi'ee jalqabee booda, humnoonni Tigraay yeroo gabaabaa keessatti gara daangaa Ertiraatti baqatan.

Humnoonni mootummaa Itoophiyaa fi humnoonni nageenyaa Tigraay waliin hiriiran ammoo, Maqalee dabalatee naannolee Tigraay hedduu to'annaa isaanii jala oolchuu isaanii gabaafameera.

Gama biraatiin, Manni Maree Ministirootaa Itoophiyaa naannichaaf bulchiinsa yeroo "mootummaa imaanaa" hundeessee, naannoo Tigraay ji'oota jahan itti aananiif akka bulchu murteessuun isaa ni yaadatama.

'Bilbilaan dubbiseera'

Oduun harka kennachuu Jeneraal Yohaannis yoo mirkanaa'e, kun waraana Tigraay keessatti tarkaanfii guddaa ta'uu akka danda'u xinxaltootni kan ibsaa jiran.

Ajajaan Humnoota Nageenyaa Tigraay Meejar Janaraal Gabraigzaaber Bayyanaa (Waddi Anxiruu jedhamuunis beekamu) Janaraal Yohaannis harka kennachuu isaanii BBC'f mirkaneessaniiru.

''Bilbilaan itti dubbadheera. Hiriyyaafi ajajaakoo waan tureef isatti hin qabamne. Lubbuun ooluun isaa gaarii ta'uufi wanti guddaan wal arguu isaanii'' akka ta'e himan.

Akka qondaala kanaatti, janaraal Yohaannis waliin bara qabsoo TPLF mootummaa Dargii irratti taasise wal beeku.

Yeroos Janaraal Yohaannis ajajaa isaanii akka tureefi qondaalli kuni lola gaafa Wiixata tureerratti qabamuu dubbatan.

Humni nageenyaa Tigraay garee hidhataa Humnoota Ittisaa Tigraay irraa dhibdeen erga dhabame booda kan adda bahee ijaaramedha.

Bara 2025 keessa naannoo ollaa Tigraay, Affaaritti, erga ijaaraman booda Tigraay keessas babal'atuu eegalan, keessumaa kibbaafi lixa.

Humnoonni Nageenyaa Tigraay waraana tibbanaan Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa bira goruun humnoota TPLF lolaa turan.