Dubartoonni hedduun maaliif ba'aa hojii mana keessaa baatu? Abbootiin warraa akkamiin gargaaruu danda'u?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Haadha ijoollee sadii kan taate Istaasii Matiyaas akkas jetti "sammuunkoo yeroo hunda hojiin qabamaadha. Yeoon rafuuf jedhu hunda waanin itti aanee hojjedhu yaadaan rafa".

Hojiin mana keessaa Hojii ifatti lakkaa'amee hin beekamne, kan dubartoota dhamaasaa oolu. Karoorsuu, qindeessuu, yaadachuu, hojjechuu hedduudha.

Dhimma mana barumsa daa'immanii, ergaawwan mana barnootaa irraa dhufan adda baasuu, gareewwan waatisaappii hordofuu, kutaa manaa qulqullaa'uu qabu adda baasuu, daa'imman hammam akka rafan beekuu, yaala barbaachisu akka argatan gochuu fi uffata seeraa mana barumsaa bituufaa dabalata.

Akka qorannooleen jedhanitti, hojiileen kuni barsiifataan dubartoota irratti kufa. Keessumaa ammoo haadholii.

UK'tti ijoolleen boqonnaa fi yeroo bashannana gannaa booda ji'a Fulbaanaa gara mana barumsaattii deebi'u. Istaasin kan umriinshee ganna 37 taate akka jettutti, yeroo Fulbaanaa yeroo itti sammuunshee waan hedduudhaan qabamu.

"Yeroo hunda wanta yaadduu fi sammuukee qabutu jira. sammuunkee yeroo hunda hojii fi karoora hojii mana keessaatiin guutamaadha. Yoo namni wayii sigargaare malee boodarra humnaa olta'uunsaa hin oolu" jetti Istasin.

Qorannoon UStti maatii 3,000 hirmaachisuun taasifamee akka mul'isutti, hojii mana keessaa harka 71 dubartootatu raawwata.

Qorannoon kuni akka jedhetti, abbootiin warraa hojiiwwan irra deddeebiin hin raawwatamne muraasa waan akka Konkolaataa haaromsuufaa raawwachuun gargaaru.

Yunvarsiitii Melboorn irraa Piroofeesar Lih Rupaner hojii mana keessaa kana kan hin mul'anne, itti fufaa fi daangaa hin qabnedha jechuun ibsu.

Portmoowuz irraa Haadha Ijoollee sadii kan taate Soophiyaan, imala ijoolleef akka kanfaltu, aappii bilbila ijoollee irratti nyaata akka ajajjuu fi abbaan waraashee aappii kana buusuunillee akka ishee hin gargaarre himti.

Akka isheen jettutti, waa'ee hojii mana keessaa dadhabsiisaa ta'e kanaa abbaan waraashee akka hubatuuf irra deddeebiin itti haasofteetti. Inni garuu qixa sirriidhaan ishee hubatee hin jiru.

"Hojii saffisaan hojjetamudha jedha. Garuu hojii saffisaan hojjetamu kana karoorsuun qaba, qophaa'uun qaba. Yeroo hunda sammuu keessatti yaaduun qaba" jetti Soofiyaan.

London irraa Saamii Beerii ammoo Haati warraa isaa waa'ee hojii mana keessaa dadhabsiisaa ta'e kanaa yeroo natti himtu 'Qixa sirriin hin hubannen ture' jedha.

Maal akka ishee gargaaruu danda'u gaafachuus barbaada. Isa gaafachuunis haadha warraa isaatti yaada biraa dabaluu ta'a jedha.

Istasiin akkas jettee ture "Abbaa warraa kootin yeroo hunda akkasin jedhaan 'Yoon waa akka hojjettu sigaafachuu barbaade innumtuu hojii yookan yaada biraa ofitti dabaluudha' jedhani" .

Akka haadholiin warraa ibsanitti, hojii mana keessaa ulfaataa kan godhu hojicha hojjechuu qofa miti. Yaada isaa dabalateeti. Irbaata qopheessuu osoo hin taane mana keessa nyaata maaltu jira? maal hojjechuun qaba? Maal bituun qaba? Kanneen jedhani.

Arganoon qorannoo tokko akka akeeketti ammoo dhiironni galii fooyya'aa argatan hojiilee mana keessaa carraan hojjechuu isaanii gadi aanaadha. Yoo dubartoonni galii caalaa argatanis hammeentaan hojii mana keessa hojjetanii nihir'ata. Yaanni hojichaa garuu hin hir'atu.

Garaagarummaan maaliif jiraate?

Dubartoonni BBC'n dubbise hedduun garaagarummaan uumamuu kan jalqabe heeyyama da'umsaa irraa eegala.

Walas akka jedhanitti, dubartoonni dhiirota caalaa heeyyama da'umsaa dheeraa fudhatu. Sababa Kanaan carraa hojii mana keessaa isaanirratti dabaluu jalqaba jedhu.

UK keessatti haadholiin heeyyama seera qabeessaa hanga torbeewwan 52 fudhachuu danda'u. kana keessaa 39 kaffalttiin kaffalamaatifi. Abbootiin warraa ammoo heeyyama da'umsaa hanga torbee lamaa fudhachuu danda'u.

Dhaabbileen tokko tokko ammoo hojjettoota isaaniitiif heeyyama da'umsaa dabalataa nikennu. Haa ta'u malee abbootiin warraa yeroo heeyyama da'umsaa fudhatan galiin isaan argatan nihir'ata. Kuni hammeentaa guyyootaa heeyyamaa abbootiin warraa fudhatan akka hir'isan godha.

Zaak Watson, Abbaa ijoollee sadii yoo ta'u, US keessatti leenjisaa dhimma ba'aa hojii mana keessaa dubartootaa salphisuu irratti hojjetu. Akka isaan jedhanitti, tari akaakayyuun isaa guyyaa tokkollee nayata bilcheessee hin beeku ta'a. abbaan isaa garuu darbee darbee nibilcheessu.

Waggoota gaa'elaa shanan jalqabaatti yeroo hedduu nyaata kan bilcheessu haadha warraasaati. Yoo tari nyaata hojjechuu barbaade ammoo waan isheen barbaaddu gaafachuu qaba. Kunumtuu ammoo isheetti yaada dabaluudha.

Kanaaf jecha mala dhahe. Irbaata gosa adda addaa qopheesee kottolleessaa (Firiijii) keessa olkaa'a. waan barbaadus 'Eessa jira' jedhee gaafachuurra ofumasaa dhaqee fuudha.

Saam Beerii akka jedhutti, miidiyaa hawaasummaa irratti warri isa hordofan dhiironni dhimma hin qaban.

"Garuummoo abbootiin warraa dansaa ta'an jiru. kan waan isaaniif danda'ame godhanii fi caalaa gochuuf ifaajan" jedha.

Dubartoonni BBC'n dubbise hedduun isaanii dhiironni hojiiwwan kan keenya jedhanii qabatan akka qabaatan barbaadu.

Saam yaada kana 'Gahee qooddachuu' jechuun ibsa. Abbaan warraa waan mana barumsaatiin wal qabatu yoo qabate, haati warraa ammoo waan nyaatan walqabatu bulchiti.

Haa ta'u malee walqixxummaa jechuun dirqama hojii harka 50/50 qooddachuu jechuu miti. Sababni isaas qaamni tokko baayyee hojjechuu danda'a. qaamni tokkommoo nyaata bilcheessuu jaalachuu danda'a. wanni guddaan waan maatii sanaaf ta'u qindoominaan hojjechuudha.

Ba'aa hojii mana keessaa kana akkamiin salphisuun danda'ama?

Namootni waa'ee dhiibbaa hojii mana keessaa kana irratti BBCtti dubbatan yaadota kunneen gorsu:

  • Abbaa warraa/ Haadha warraa keessan waliin ifatti mari'adhaa.
  • Wantoota dhiifamuu danda'an adda baasanii ofirraa dhiisuu.
  • Abbaa warraa/Haadha warraa keessan waliin haala jiru guyyaan, torbaniin yookin yeroo mijatetti gamagammaa.
  • Sagantaalee qabdan dabaree isaa adda baasuun qopheeffaachuu. Waan akka guyyaa dhalootaa, walgahii mana barumsaafaa.
  • Hojicha hojjechuun qooda hojii keenya ta'uu amannee hojjechuu fi yaadachiisa eeguu dhiisuun hojii mana keessaa dubaartoota irratti dhiibbaa uumu kana salphisuuf gargaaru.