Gabaan sagantaa TV saree ho'eera, garuu saroonni ni daawwatuu?

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Waggaa jaha dura Lukaa Kaaraanoon jaalalleesaa wajjin jirataa ture. Gaaf tokko saree isaanii Luunaa jedhamtu manatti dhiisanii irbaataaf bahan.

Yeroo kaan saree isaanii fuudhaniitu deemu ture gaafas garuu manatti dhiisanii deeman.

''Qofaa taati, hin mukoofti Youtube irra waan isheef tahu jira laata jedheen yaade,'' jedha Lukaan, paayileetiin yeroo ammaa magaalaa Bolonyaa keessa jiraatu.

Yaaduma kanaan chaanaalii Yutube Siesta Dog TV jedhamu viidiyoo saroonni halluu ittiin ilaaluu danda'aniin baneefi.

Viidiyoon kaartuunii sa'atii 10 fa'af turu kuni yeroo sarooti magaalaa Niiw Yoork keessa taphatan agarsiisa.

Muuziqaan tasgabbaa'aa saroota bashannansiisuu danda'u viidiyoowwan kunneenitti dabaalameera.

Viidiyoowwan inni maxxansu keessaa kan al miiliyoona 3.5 daawwatame jira.

''Viidiyoo kana Luunaan ni jaalatti Youtube irratti daawwataa baayyee argattee, kanneen saree isaanii manatti dhiisanii deeman sarooti isaanii viidiyoo kana waan daawwataniif hin rakkatan,'' jechuun fa'a akka itti himan Luukaan dubbata.

Luukaan qabiyyee sareef tahu erga hojjechuu jaqabee gabaan qabiyyee TV sarootaa akkaan dabaleera.

Kunis namoota saree isaanii manatti dhiisanii yeroo deeman yaadda'aniif furmaata tahaa jira.

''Namoonni bara kamiyyuu caala saroota isaaniitti maxxanu, akka ijoolleetti isaan ilaalu kanaaf qofaa isaan dhiisanii deemuu hin barbaadan,'' jedha Nikoolaas Doodmaan ogeessi Ameerikaatti amala bineesota qarrifaa qaban qo'atu

''Yaaddoon guddisaa isaaniirraa gargara bahuunis bara kana saroota akkaan miidhaa jira,'' jedha.

Kanaaf chaanaaliifi sagantaan TV qabiyyee sarootaaf tahu dhiyeessu dabalaa dhufe jedha.

Chaanaaliiwwan kunneen yeroo saroonni namaafi saroota biraa waliin taphatan fa'a agarsiisu.

Luukaan saroota gurraacha kan sarooti kaan ilaaluu danda'an qofaan qabiyyee qopheessuun chaanaalii isaa irratti maxxansa.

Bara kana ammoo galata AI qabiyyee akkasii qopheessuun salphaa taheera.

Lukaan, ''sareen ammoo AI dhaan hojjettee dhiistee giddii hin qabu hinuma ilaalu,'' jedha.

Garuu dhuguma sareen TV daawwatti, amma isaaniif gaarii dha?

Qorannoon bara 2023tti Yunivarsiitii Kuwiins Beelfaastitti geggeefame, saroota 50 tahan iskiriinii garagaraa akka ilaalan taasise.

Sarooti sa'atii akka qabiyyee daawwatan ramadameef keessaa10.8 tahan qofatu kallattiin iskiriinii TV ilaala.

''Saroota qorannoo kanarratti hirmaatan keessaa TV fuuldura isaanii taa'ee jiruuf xiyyeeffannoo baayyee xiqqoo tahe kennan,''

Qorattoonni sarooti akkuma duraanii namoota waliin taphachuufi ofii burraaquun fayyaa isaaniif murteessaa dha.

Qorannoon biraa Yunivarsiitii Oobarnitti adeemsifame ammoo amala saroota 453 karaa guddistoota isaanii qorateera.

Guddistoonni saroota kunneenni ''sareen yeroo TV daawwatan muuxannoo hiika qabu argatu keessumaa qabiyye meeshaalee taphaa garagaraan guutame gaafa argan gammadoo dha jedhu.

Haa tahu malee qabiyyeen TV saree tokko hawwatu isa kaan hawwachuu dhiisuu mala. Fakkeenyaaf sareen tokko isa kaan arii'uun qabiyyee saroonni baayyeen ittii gammadanidha.

Saroota tapha hin jaalanneef TV'n akkaan isaan bashannansiisa jedha.