'Waraanni badii fi waan bu'aa hin qabne waan ta'eef didneerra' - Waajjira Ministira Muummee
Waajjira Ministira Muummee Itoophiyaa 'qaamolee Tigraayitti waraanni akka dhalatu barbaadan' jedhuuf waamicha nagaa dhiyeesse.
Ibsa fuula miidiyaa hawaasaa isaarratti baasen waajjirichi nagaa fi tumsa nu barbaachisa jedhe.
"Sadarkaa jalqabaatti kan nu barbaachisu nagaa, tumsaafi waliin hojjachuudha. Naannoo Tigraayitti lammata waraanni akka ka'u fedhii guddaa kan qaban qaamoleen yoo jiraatanis; waraanni madda badii fi bu'aa kan hin qabne waan ta'eef didnee jirra."
Ammas nagaa fi mariidhaaf balbalti keenya yoomiyyuu banaadha. Faayidaa keenya aarsaa goonee fi miidhamnee dabalatee Naannoo Tigraayitti nagaan itti fufiinsa qabu kan dhufu yoo ta'e fedhiin keenya inni guddaan isumadhama jedha ibsi kun.
Wal danquu fi wal kuffisuun eenyuyyuu hin fayyadu. kan jedhu ibsi waajjira MM kun, uummata Tigraayitiif furmaanni dhugaa kan dhufu, hoggantoonni TPLF dargaggoota isaanii irratti amantaa horatanii dhaloota itti aanuuf hiree yoo kenna qofa jedha. bakka bu'uuf carraa kennuu yoo danda'an qofadha.
"Fedhii fi galmi mootummaa medemer inni guddaan, misoomaafi guddinni magaalota Itoophiyaa biroo irratti mul'atu Tigraayittis dhihaatee arguu dha."