Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, US guutummaa addunyaarratti viizaa kennuu yeroof dhaabde

Pireezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp kutaa addunyaa gara garaa irraa gara biyyattii deemuuf viizaa kennuun yeroof akka dhaabbatu godhe.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Hospitaala balballi cufametti ibiddi qabatee daa'imman 14 lubbuun darbe

    Roobii har'aa hospitaala mootummaa Paakistaan keessatti ibiddi qabatee yoo xiqqaate daa'imman 14 lubbuu dhabuu hogganooti hospitaalaa dubbatan. Warri ijaan argan balballi cufaa ture jedhan.

    Qondaaloti hospitaalichaa yeroo ibiddi qabate kuticha keessa daa'imman 15tu ture.

    Balaan kunikan mudate hospitaala Islaamaabaad Paakistaan keessa jiru isa guddaa jedhamu keessattidha.

    Ministirri Fayyaa biyyattii Musxafaa Kamaal daa'ima tokko qofa lubbuun oolchuu isaanii hime.

    Haati tokko yeroo ibiddi ka'u daa'imnishee kutaa wal'aansi olaanaa kennamu keessa akka ture himti.

    ''Maal jechuu akkaan qabuufi eenyuun akkaan komadhu hin beeku,'' kan jette haati kuni, ''Daa'ima koo dhabeera,'' jechuu imimmaaniin dubbatti.

    Hospitaalichi sanadni barbaachisu erga guutameen booda reeffi daa'immanii maatiif akka kennamu himeera.

    Hojjettoonni yeroo balaa ibiddi kuni ganama sa'atii 12:45 irratti meeshaan qilleensa qorrisisu dhohee ibidda qabachuu himan.

    Pireezidant Asiif Alii Zaardaarii maatii ijoollee isaanii dhabaniif jajjabina hawwaniiru, ''kan onnee cabsuufi dhaba bakka buusa hin qabne dha,'' jedhan.

    Namooti balaa ibidda kanaaf sababa tahan hatattamaan akka adda baafamaniifi seeraan akka gaafataman yaadachiisaniiru.

  2. Ertiraan dooniin qarqara Yamanitti wanbadoota galaanarraan butame 'ana hin ilaallatu' jette

    Ertiraan dooniin boba'aa torban darbe qarqara Yamanitti wanbadoota galaanarraan butame 'kan koo miti, ana hin ilaallatu ' jette.

    Embaasiin Ertiraa UK jiru dhimma kana ilaalchisuun ibsa Hagayya 25, 2026 baaseen, miidiyaalee idil-addunyaa 'doonii alaabaa Ertiraa fannifattee deemtu' jedhanii gabaasuu isaaniitiif 'sirrii miti' jechuun qeeqeera.

    BBC fi Reuters dabalatee dhaabbileen miidiyaa idil-addunyaa dooniin kun alaabaa Ertiraa fannifattee imalaa turte.

    Haata'u malee, embaasichi madda oduu kanaa kan ta'e Dhaabbata Oppereeshinii Galaanaa Biriitish (UKMTO) dubbisuun, "dooniin kun alaabaa sobaa fannifattee deemaa turte, kan jechuun ammoo qabeenya Eritiraa miti ykn ifatti Ertiraatti kan galmoofte miti," deebii jedhu argateera.

    Wanbadoonni galaanarraa Somaaliyaa doonii boba'aa kana qarqara Yamanitti butuu isaanii UKMTO, AFP fi Reuters gaabsaaniiru.

    Qarqara Yamanitti wanbadoota galaanaan dooniin butamuun kun erga ji'a caamsaa darbeetii kaasee si'a ja'affaadha.

    Taateen kun yaaddoo wanbadoota galaanaa Galoo Galaanaa Adeen fi Galaana Indiyaa gama lixaan dabalaa dhufeef agarsiistuudha.

  3. US guutummaa addunyaarratti viizaa kennuu yeroof dhaabde

    Pireezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp kutaa addunyaa gara garaa irraa gara biyyattii deemuuf viizaa kennuun yeroof akka dhaabbatu godhe.

    Dubbi-himaan Ministeera Dhimma Alaa US embaasiiwwan guutummaa addunyaarra jiran keessatti sagantaa leenjii qabatee akka jiru himuun, gara fuula duraatti akkaataa tajaajila viizaa itti kennu akka keessa deebiyee ilaalu ibseera.

    Ameerikaan godaantota hayyama jireenyaa malee biyyattii keessa jiran biyyasheetii ari'uuf duula gara garaa gochaa jirti.

    Ameerikaan akka jettutti, kun tarkaanfii nageenya biyyaalessaashe ittiin cimsattu keessaa tokkodha.

    Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo biyyattii seenuun fedhii biyyaalessaa irratti hundaa'uun murtaa'uu qaba jechuun ejjennoo cimaa biyyattii kana deeggaraniiru.

    Tarkaanfiin ammaa kun ji'oota muraasa Waashigiten baayyina embaasiiwwan Afrikaa keessaa qabdu baayye hir'isuuf akka yaaddu ibsuushee ji'ootaan boodadha.

    Odeeffannoo biroo kana waliin deman:

  4. Viidiyoon ilma Tiraamp lubbuuf yaaddessu miidiyaa Iraan irratti bahuu Ameerikaan mirkaneeffatte

    Viidiyoon ilma Tiraamp isa dhumaa, Baaron Tiraamp yaaddessa jedhame sabaa-himaalee Iraan irratti tamsa'uu waajirri tikaa Ameerikaa beeksiseera.

    Baaron Tiraamp viidiyoon lubbuu isaaf waan yaaddessaa ta'e fakkaatu miidiyaaleen mootummaa Iraan to'aturratti tamsa'uu isaa akka beeku mirkaneesseera.

    Waajirri tajaajila tikaa kana kan beeksise, Iraan sochii Baaron hordofaa jiraachuufi tarkaanfii isarratti fudhatamuuf qaama deeggarsa taasisuuf badhaasa maallaqaa dolaara miliyoona 10 dhiyaachuu viidiyoon ibsu sabaa-himaalee Iraan irratti dhiyaachuu hordofeeti.

    "Waajirri tikaa Ameerikaa waa'ee viidiychaa ni beeka, namoota eegumsa keenya jala jiraniif waan yaaddoo ta'uu malu jedhaman hunda ni qorata," jechuun dubbi-himaan waajirichaa Neet Heering ibsa kennaniin dubbataniiru.

    Itti dabaluun, "nageenya adeemsa hojiif jecha dhimmoota odeeffannoo hojmaata tikaa waliin wal qabatan hin ibsinu," jedhan.

    Ameerikaan hogganaa waliigalaa Iraan Ayaatolaa Kameenii erga ajjeestee as, sabaa-himaaleen Iraan qabiyyeewwan pirezidantichaafi maatii isaa yaaddessan tamsaasteetti. Ayaatolaa Alii Kameenii kan ajjeefame jalqaba waraana Ameerikaafi Israa'el iraan irratti bananirratti ture.

    Waajirri Tikaa Ameerikaa yaaddoo karaa miidiyaa Iraan Baaron Tiraamp irratti darbe akka quba-qabu CNN kanaan dura gabaasee ture.

  5. Qabxilee ijoo 5 murteen marii biyyaalessaa keessa darbuun Heeraafi Seera ta'u

    Mariin biyyaalessaa Itoophiyaa xumuramuu fi yaadni murtee xumura qophaa'uun tibbana erga ifoomee as itti aanee maaltu ta'aa kan jedhu yaadota ka'aa jiraniidha.

    Hirmaattotni marichaa murtoo tokkorra ga'uun adeemsa Marii Biyyaalessaa keessatti tarkaanfii guddaa ta'uu kessummootni xumura sagantaa sana irratti argaman kan dubbatan.

    Haa ta'u malee, yaadni murtoo dhiyaate sun kallattumaan heera mootummaa keessatti fooyyeffama ykn ammoo seera biyyaa ta'ee ba'a jechuu miti.

    Bu'aan mariichaa gara heeraafi seeraatti jijjiiramee hojiirra ooluuf adeemsa keessa darbuu qaba. Adeemsi inni keessa darbuu kunneen isaan kami?

    Manneen murtii Federaalaa fi naannoleetti Abukaatoo fi gorsaa seeraa kan ta'an Dr. Naatolii Fayyisaa akkataa heerri fi seerri biyyattii jedhu irratti hundaa'uun itti aanee maaltu akka ta'u waan BBC'tti himan qindeessinerra.

  6. Netaniyaahuun gaggeessitoota Iraan waliin waliigaltee dippilomaasiiirra gahuun hin danda'amu jedhe

    Ministirri Muummee Israa'el Benjaamin Netaaniyaahuun Iraan waliin waliigaltee dippilomaasiirra ga'uun hin danda'amu jechuun dubbate.

    Netaaniyaahuun qoqqobbii diinagdee Pirezidant Tiraamp Iraan irra kaa'e dinqisiifateera.

    Beenjaamiin Netaaniyaahuun dhiyeenya kana pireezidantii Ameerikaa waliin yeroo wal arganitti Iraan waliin waliigaltee dippilomaasiirra ga'uu ilaalchisee falli jiraachuu yoo danda'ameef jechuun kaasanii dubbatanii akka turan dabaluun ibseera.

    Haata'u malee, "garee Iraan jiruu waliin waliigalteerra ga'uun ni danda'amaa kan jedhu shakkiin qaba. Gara jabeeyyii kanneen waliin waliigalteerra ga'uun hin danda'amu," jechuun dubbateera.

    Yeroo dhiyootiin asitti Iraan fi Ameerikaa gidduutti waliigaltee nagaarra akka mallatteeffamu gahee jaarsummaa murteessaa taphataa kan jirtu Paaistaan, garee lamaan gara taa'anii waliin mariyachuutti deebisuuf carraaqqii taasiftu itti fufteetti.

    Odeeffannoo kana walii deeman:

  7. Taphataan duraanii Arsenaal mana murtiitti dhihaachuuf

    Rahiim Istarliing erga eeggannoo malee konkolaachisuun balaa qaqqabsiisee booda dhimmisaa qoratamaa ture.

    Taphataan sarara moggaa duraanii Ingilaand kun osoo rakkoo fayyaa hin qabaatin keemikaala nitrous oxide jedhamu fayyadamuun himatameera.

    Dhiheenya kilaba biyya Nezerlaandis Feyedoord jedhamuuf taphataa kan ture Istarliing, konkolaataa Lamborgiinii osoo oofuu qarqara daandiitti buusuun balaa qaqqabsiise.

    Taphataan umrii waggaa 31 kun balaa kana kan qaqqabsiise Caamsaa 28 Hampshire keessatti yoo ta'u, taatee kanaan walqabatee erga hidhamee booda wabiin gadhiifamee, qorannoon dabalataa irratti gaggeeffamaa tureera.

    Balaa kanaan konkolaachisicharras ta'e qaama biraarra miidhaan hin geenye, konkolaataa biraan miidhames hin jiru.

    Poolisiin ''Istarliingi qorannoo qoricha sammuu hadoochuu keessa darbuunsaa osoo hin mirkanaa'in konkolaachiseera,'' jechuun shakkee ture.

    Garuu maddi isatti dhihoo jiru dawaa fayyadamuusaaf ''ragaa quubsaan'' hin jiru jedhan.

    Maddi kun Istarliing qoollifatamuu, dagatamuu fi gabaansaa gadi bu'uu himachaa akka turee fi kanaanis akka miidhame ibse.

    Guraandhala darbe waliigaltee yeroo gabaabaan Chelsii irraa Feyenoord kan seene taphataan kun erga xumura bara dorgommii darbeetti Feyenoord gadhiisee kilaba hin arganne.

    Chelsiin bara 2022 paawondii miiliyoona 47.5 baasuun Maanchistar Siitii irraa fudhate.

    Istarliing waggaa torba wayita Siitii keessa ture kilabicha waliin waancaa Piriimer Liigii afur, Karabaawoo shan, FA tokko nyaateera.

    Taphataan sarara moggaa duraanii Liiverpuul kun bara 2024 ergisaan Arsenaaliif taphatee ture.

    Bara 2025 wayita gara Chelsii deebi'u garuu garee keessaa qoollifatamee, shaakala illee addatti hojjetaa ture.

    Istarliing bara 2012 fi 2022 gidduutti waancaa Ingilaand 82 injifateera. Waancaa Addunyaa sadi fi Chaampiyoonshiippii Awurooppaa lama irratti hirmaateera.

  8. Ilon Maask giddu gala rokeetii hawaatti ergu doolaaraa biiliyoona 100n ijaaruuf

    Qabeenya biliyeenera addunyaa Ilon Mask kan ta'e kubbaaniyyaan SpaceX wiirtuu rookeetiiwwan irraa gara hawaatti ergaman doolaara biiliyoona 100n bulchiinsa kibba US, Luwiiziyaanaa keessatti ijaaruuf akka jiru beeksise.

    Wiirtuuun Starbase jedhamuun moggaafame kun lafa hektaara 50,585 irratti ijaarama.

    Ijaarsi isaa waggaa dufu jalqaba jedhan. Kubbaaniyyaan SpaceX teessoo muummee isaa Teksaas fi bakka damee keessaa qabu Filooridaa bira darbee babal'ataa jiraachuusaa mul'isa.

    Wiirtuun haaraa ijaaramu kun imala gara Addeessaa, Maarsii fi gara pilaaneetota kaaniitti taasifamu kan gargaaru ta'uu ibse SpaceX.

    Kubbaaniyyaan kun bara 2029 wiirtuu kanarraa xiyyaar-samii gara hawaatti erguuf karoorfachuu ibseera.

  9. Pirezidaantii ittaanan Tanzaaniyaa osoo hin yaadamin aangoo akka gadhiisan beeksisan

    Pirezidaantii Ittaanaa Tanzaaniyaa kan ta'an Imaanu'eel Nchiimii osoo hin yaadamin aangoo akka gadhiisan beekisan.

    Aangawaa olaanaan kun aangoo gadhiisuunsaanii, Pirezidaantii biyyattii Saamiyaa Suluhuu Haan waliin erga wal-dhabuurraa kan ka'e ta'uutu gabaafame.

    Namni ganna 54 kun fuula Inistaagiraamiisaanirratti aangoo akka gadi dhiisan xalayaa barreessaniin kan beeksisan yoo ta'u, fedhiin pirezidaantii Tanzaaniyaa Saamiyaa Suluuhuu akka kabajanis beeksisan.

    Pirezidaantii Itaanan Tanzaaniyaa kun erga aangotti dhufanii reefu ji'a 10 yoo ta'u, torbee dhufurraa kaasee hojii akka gadhi dhiisan beeksisan.

    "Pirezidaantittiin [Saamiyaa Suluuhuu] jijjiirama akka barbaadan naaf gala. Kanaaf waadaa koo galmaan gahuuf murteessera," jechuun barreessan.

    Pirezidaant Saamiyaan nama biraa ittaanaa gochuu waan barbaadaniif qondaalli kun aangoo akka gadi dhiisantu gabaafamaa jira.

    Filannoo 'falmisiisaa' bara darbe Tanzaaniyaatti gaggeeffameen mormii dhalateen lammiileen biyyattii 500 ol qaamoleen nageenyaan ajjeefamuutu gabaafame.

    Filannicha Pirezidaant Saamiyaa Suluuhuu sagalee harka 98 argachuun mo'achuun kan gabaafame yoo ta'u, qondaalli aangoo gadi dhiisan kun Pirezidaantii Ittaanaa ta'uun Pirezidaant Saamiyaa deeggaruun dorgomaa turan.

  10. Kanaadaan omishaalee US irra taarifa %50 kaa'un Tiraamp haaloo baate

    Kanaadaan meeshaaleefi omishaalee US irra gara daangaashee seenan irra taarifa %50 kaa'uu beeksiste.

    Biyyaattiin taarifa haaraa US kan keesse, torban darbe Tiraamp taarifa %50 omishaalee Kanaadaa irraa gabaa US seenan irra kaa'uu hordofeeti.

    Taarifa bulchiinsi Tiraamp omishaalee Kanaadarra kaa'e hordofee Ministiirri Muummee Maark Kaarnee fiTiraamp mariyatanis waliigalteerra hin gahin hafan.

    Maark Kaarnee "US waraana diinagdee nurratti bante" jechuun biyyisaaniis deebii akka kennitu ibsanii turan.

    Kanaadaan taarifa haaraa kana doolaaran kan US irra keesse yoo ta'u, omishaaleefi meeshaalee daldalaa US gabaa Kanaadaa seenan irra taarifa kan UStiin wal-gutu %50 kaa'uun Tiraampiif deebii kenniteetti.

    Taarifni Kanaadaan keesse kun omishaalee US gabaa Kanaadaaf dhiyaatan gatii dolaara biliyeena 20 baasu yoo ta'u, omishaalee akka qurxummii, huccuu, fi sibiila fa'aadha taarifa Kanaadaa kanaaf kan saaxilaman.

    Biyyoonni lamaanuu muddama taarifa diinagdee keessa kan galan, mariin dhimma taarifa Tiraamp kaa'e irratti torbee darbe taasifame waliigaltee malee xumuramuu hordofeeti.

    Biyyoonni lamaanuu marichi milkaa'uu dhabuusaaf quba walitti qaban.

    Kanaadaan biizinasiiwwan taarifa UStiin miidhamaniif dolaara Kanaadaa bililiyeena 7.5 bifa deggarsaan qopheessus beeksiste.

  11. Tiraamp dhootuuwwan hedduun Ulaa Hormuuz keessaa qulqulleeffamuu ibse

    Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp Humni Galaanaa Ameerikaa meeshaalee waraanaa balaafamoo Ulaa Hormuuz keessaa qulqulleessuu ibse.

    Iraan erga waraanni Baha Giddugaleessaa eegalee ulaa addunyaaf akkaan murteessaa ta'e kana cuftee jirti.

    ''Dooniin ykn bidiruun dhootuu ulaa kana keessa awwaaluuf yaalu yoo jiraate hatattamaan barbadeeffama,'' jechuun miidiyaa hawaasummaasaarratti ibse Tiraamp.

    Iraan dhimma kanarratti hanga yoonaa yaada hin kennine.

    Tiraamp yeroo inni Ulaan Hormuuz to'annaasaa jala jiraachuu hin ibsine hin jiru, garuu Iraan ammoo dooniiwwan eeyyama ishee malee ulaa kana keessa darban irratti haleellaa raawwataa turte.

    Iraan ulaa boba'aa addunyaa keessaa dhibbeentaa 20 dabarsu kana cufuun alatti biyyoota Arabaa michuuwwan US akkasumas wiirtuuwwan waraanaa US Baha Giddugaleessaa keessaa qabdurrattis haleellaa raawwataa jirti.

    Waliigalteen wal hubannoo waraana kana dhaaba jedhamee abdatamee ture osoo bu'aa hin buusin yeroonsaa obba'eera.

    Amma biyyoonni lameen [US fi Iraan] darbanii darbanii haleellaa walirratti raawwataa jiru.

    Dabalataan Ameerikaan dhiibbaa diinagdees Iraan irratti gaggeessuu eegalteetti.

    Ministirri Maallaqaa US Iskot Besent qoqqobbii diinagdee cimaa seenaa keessatti mudatee hin beekne Iraan irratti labseera.

    Iraan gamasheen qoqqobbii kamuu qolachuuf dandeettii fi karoora akka qabdu ibsiteetti.

  12. Gaggeessaan CIA Raashiyaa waliin mariyachuuf Mooskotti imale

    Gaggeessaan CIA Raashiyaa waliin marii taasisuuf gara Mooskoo imaluu miidiyaaleen US gabaasan.

    Kaleessa, Hagayya 25 xayyaarri waraanaa Ameerikaa C-17 jedhamu Mooskoo qubachuu hordofee ijoo dubbii ta'ee ture. Sababni ammoo qondaalli tikaa olaanaan US kun gara Mooskoo akka deeman odeeffannoon dursa uummataaf ibsame hin turre.

    Qondaalonni Raashiyaas waa'ee xayyaara waraanaa US achi qubatee ilaalchisee miidiyaarraa gaaffiin yoo dhiyaatuf,"odeeffannoo hin qabnu" jechuun deebisaa turan.

    Gabaasi CBS News akka ibsetti, daayirektarri CIA kun imala icciitii gara Mooskotti taasisan,.

    Waa'ee imala kanaa ilaalchisee Kirimiliinis ta'ee Waashingtan irraa waanti mirkanaa'e hin jiru.

    Xayyaarri waraanaa fe'iisaa US kan C-17 jedhamuufi daayireektarri CIA ittiin gara Mooskoo imalan, buufata waraanaa US kan Latviyaa jiru irraa ka'uun Mooskotti akka imaleedha ragaaleen imala xayyaaraa hordofan kan agarsiisan.

    Qondaalonni olaanoon USfi Raashiyaa yeroo heddu qaaman wal-arganii mariyachuunbaratamaa miti.

    Kaayyooon daayireektarri CIA Joon Raatkiliif gara Miiskoo imalaniif maal akka ta'e ifa miti.

  13. Akkam bultan?

    Tamsaasa kallattii eegalleerra. Ameerikaan Ulaan Hormuuz meeshaalee waraanaa balaa uuman irraa qulqullaa'eera jetti.

    Dhimma kanaa fi odeeffannoo addunyaarra jiran karaa kanaan isin biraan geenya.

    Tamsaasa kallattii duraan ture asii banachuun odeessaalee hedduu argachuu dandeessu.

    Nagaan oolaa!