Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, Arsenaal har'a Fuulhaam yoo mo'ate qabxii jahaan Maanchister Siitii caala

Piriimer Liigii: Dorgommiin Piriimer Liigii torban 35ffaa har'a gaggeefama. Arsenaal Fuulhaamiin morkata.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Arsenaal hakiimota kilebicha alaa fide

    Arsenaal bara kana miidhamaan taphattoota ciccimoo hedduu dhabee ture.

    Tokko yoo miidhamee taphataan kaan ni miidhama. Akkasis tahee garee cimaa qabaachuu isaan keessa darbeera.

    Juuriyaan Tiimber, Odeegaard, haavert, Kalafiyoorii dabalatee kanneen irra deddeebiin miidhamanidha.

    Taphattoonni Arsenaal walumaagala taphoota 262 miidhamaan dhabaniiru. Kun tokkoon tokkoo taphataa kileba isaa fi biyya isaaf taphachuu kanq abu keessaa kan osoo hin taphatiin hafanidha.

    Kan Manchister Siitii ammoo taphoota 212 dhaban.

  2. Arteettaan tapha Fuulham ilaalchisee maal jedhe?

    Leenjisaan Arsenaal Mikeel Arteettaan tapha Fuulham dursuun haala taphattoota isaa dubbateera.

    • Arteettaan Kaayi Haavertii fi Juuriyaan Tiimber tapha har'aaf akka hin geenye hime. Hagam akka turan garuu hin ibsine. Garuu tapha Atileetiikoo Maadridiif akka gahu hime.
    • Odeegaardis akkasuma miidhama salphaa waan qabuuf gahumsa qaamaa guutuu qabaachuu hin mirkaneessine.
    • Shaakala cimaas akka hin hojjenne hime. Garuu sanbata har'aa kana ganama waan hundaa akka murteessan hime.
    • Arteettaan Haavert taphataa cimaa qabnudha. Garuu yeroo inni hin jirres gareen keenya haala gaariin mo'achaa waan tureef ni qophoofna jedhe.
    • Amma Piriimer Liigii mo'achuu barbaanna, amma bakka gahuu qabnu geenyeerra. Sana booda Shaampiyoonsi Liigiitti deebina jedhe.
    • Arteettaan aannisaa fi aarii nu onnachiisu qabna jedhe. Kun Atileetiikoo irratti rukuttaa peenaaliitii dhorkamuu kaasuun sanatti deebina amma Fuulhaamiif qophoofna jedhe.
    • Xiyyeeffannoon keenya Fuulham, dheebuu taphaa, dheebuu mo'achuu qabna, dheebuu galma keenyatti siquu fi milkeessuu qaba jedhe.
    • Waan hunda murteessuuf tapha afur qofa qabna jedhe. Kun taphoota Piriimer Liigii fi waancaa Shaampiyonsi Liigiif darbuufi.
  3. Niwkasil sodaa kufaatii keessa tahee Biraayitan morkata

    Niwkasil qabxii 42 qaba. Biraayitan qabxii 50 qaba. Biraayitan hirmaannaa Awurooppaa Liigii mirkaneeffachuuf falmii jabaa taasisa.

    Niwkasil bara kana gahumsa gaarii irra hin jiru. Liigicha keessatti hafuufiyyuu %100 mirkaneeffateera jechuun hin danda'amu.

    Biraayitan kileboota gurguddaa injifachuun qabxii gaarii argataa dhufe. Cheelsii guutummaan caalee injifachuun isaayyuu akka leenjisaa isaa gaggeessuuf sababa tokko ture.

  4. Wanbadoonni Piriimer Liigii tamsaasan bu'aa paawondii mil. 3.75 argatan akka deebisan ajajaman

    Gareen wanbadootaa seeran ala tapha Piriimer Liigii tamsaasuun bu'aa argataa turan akka pawwondii miliyoona 3.75 kaffalan itti murtaa'e.

    Caamsa bara 2023 keessa Maark Goold namni jedhamu gochaa kana duuba nama jiru jechuun akka hidhaan adabamau itti murteesse.

    Tamsaasa 'Flawless TV jedhu irratti namoonni afur eeyyama malee Piriimer Liigii tamsaasaa tura.

    Arfan isaaniitti hidhaan waggaa 30 murtaa'e. Kun gochaa eeyyama malee tamsaasuun adabbii guddaan itti kennames jedhameera.

    Maamiloota 50,000 ol qabu. Akkasumas namoota isaan irraa bituun deebisanii gurguratan qabu. Hojjettoota 30 ol qacaraniiru. Tamsaasa kana irraas paawondii miliyoona 7 ol bara 2016-2021 gidduutti argatamiiru.

    Goold namni jedhamu hidhaa waggaa 11 adabame. Manni Murtii UK adabbii kana dhiisee bu'aa argate paawondii miliyoona 2.35 kaffaluumoo itti fufee hidhamuu sii wayya jedhees carraa kenneeraaf.

    Namoonni sadan kaanis paawondii miliyoona 1.4 kaffaluu ykn hidhaa isaanii xumurachuu wayya kan jedhu dhiyaateeraaf.

  5. Arsenaal v Fuulham- Tilmaama Kiriis Saatan akkamitti ilaaltan?

    Arsenaal tapha Shaampiyoons Liigii Awurooppaa xumura walakkaa tapha lamaffaa Atileetikoo Maadiriid waliin osoo hin taasisiin dura fuula isaa gara Liigiitti naanneeffata.

    Arsenaal goolii lakkoofsisuu dhabuun isaa yaaddessaadha.

    Fuulhaam waltajjii awurooppaaf morkataa kan jiru ta'ulleen ciminni sarara ittisaa Arsenaal akka salphaatti hin ilaalamu.

    Tilmaama፡ 2 - 0

  6. Ashamaa! Tamsaasa kallattii dorgommii Piriimer Liigii jalqabneerra

    Arsenaal har'a Fuulham waliin morkata. Tapha kana Arsenaal mo'achuun dirqama itti taha.

    Maanchister Siitiin osoo hin taphatiin Arsenaal tapha lama dabalataan taphata.

    Odeessa waktawaa isinii dhiyeesina. Nu waliin turaa.