KALLATTIIN, Tiraamp ''qalbiitti deebi'uu qabna'' jechuun Neetaaniyaahuu akeekkachiise

Israa'el fi Iraan dhukaasi erga dhaabbatee ji'a lama booda erga deebi'anii walirratti dhukaasanii booda Tiraamp ''qalbii keenyatti, ofitti deebi'uu qabna,'' jechuun MM ISraa'el Beenjaamiin Neetaaniyaahuu akeekkachiise.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Erga Iraan fi Israa'el walirratti dhukaasanii booda Tiraamp ''qalbiitti deebi'uu qabna'' jechuun Neetaaniyaahuu akeekkachiise

    Iraan fi Israa'el erga dhukaasi dhaabbatee ji'a lama booda haleellaa walirratti kan banan Dilbata (Waxabajjii 7) halkan irraa eegaluun yoo ta'u, hanga Wiixataatti erga wal haleelanii booda dhaabaniiru.

    Biyyoonni lameen wal haleeluutti deebi'uu booda BBC'f bilbilaan yaada kan kenne Tiraamp, ''qalbii keenyatti (ofitti) deebi'uu qabna,'' jechuun akka bilbilaan MM Israa'el Beenjaamiin Neetaaniyaahuutti hime ibse.

    Kaaba Ameerikaatti gulaaltuu BBC kan taate Saaraa Ismiiz, Tiraamp dhukaasi akka dhaabbatuuf akkamiin Neetaaniyaahuurraatti dhiibbaa akka uume gaafatte.

    ''Kanan jedhe 'qalbii keenyatti haa deebinu'. Waliigaltee akkaan cimaa ta'e mallatteessuutti dhihaanneerra, Waliigaltee gaarii,'' jechuun deebise.

  2. Yooyyaa!

    Baga nagaan gara tamsaasa kallattii keenyaatti dhuftan.

    Tamsaasa kallattii kanaan dhimmoota waraana US-Israa'el fi Iraaniin walqabatan irratti xiyyeeffanna.

    Iraan fi Israa'el ji'oota lama booda yeroo jalqabaaf haleellaa walirratti eegalanis amma dhaabaniiru.

    Garuu qoccolloon akkuma itti fufetti jira. Mariin US fi Iraanis gar tokkotti hin baane.

    Kunneen hordofnee isin biraan geenya.

    Odeessaalee kaan dubbisuuf: