Haleellaan tibbana Iraan taasifte tarsiimoo waraanaa haaraa ishee mul'isinnaa?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Haleellaa Israa'el garee Hezboolaa Libaanosirratti fudhattu haaloo bahuuf jecha tibbana Iraan misaayelootaa fi dirooniiwwan gara Israa'el dhukaastus miidhaan haleellaa kanaa murtaawaa ture. Hiikkaan siyaasaa isaa garuu jabaa dha.

Waggootaaf Iraan haleellawwan Israa'el irratti raawwattu akka tarkaanfii haaloo bahiinsaa daangaa Iraan, ajajoota waraanaa ishee fi dantaa isheetti ibsachaa turte.

Kan miilanaa kun garuu adda. Tehraan amma michuun ishee [Hezboolaan] waan haleelameef Israa'el haleelte. Gamoon Hezboolaa kan kibba Beerut waan haleelameefis.

Wixata, waraanni Iraan haleellaa Israa'elirratti eegale akka dhaabu beeksise.

Garuu, haleellaa raawwachuun mataansaa gaaffii ijoo kaasu qaba: hoggansi Iraan yeroon kun kan tarkaanfii haleellaa akkasii fudhatan jedhee maaliif yaade? kun tarkaanfii waraanaa Israa'el hin jabeessuu, carraaqqii adeemsa nagaa buusuu US waliin itti jiran kan ofii amansiisaa hin taane sanis balaarra hin buusuu?

Hamma tokko deebii ta'uu kan danda'u hoggansi Iraan lola ji'ootaa booda ejjennoo isaa keessa deebiin madaaluu isaati.

Rippaablikni Islaamaa tun gam-tokkoon waraanaan daddaaqxee jirti. Garuu gama kaaniin miira damdamannaa jabaa qabdi.

Dhiibbaa waraanaa babal'aa Israa'elii fi Ameerikaa, qoqqobbii diinagdee fi uggura humna galaanaa US biyya damdamatte dha. Mootummaan Iraan ammallee humna qaba, humni nageenyaa isaa bakkuma durii jira, masaanuwwan isaa akka tilmaaman mormii uummataa irra deddeebiin ka'e balaa hin uumne.

Kun herrega Teehraan jijjiire fakkaata.

Akka miidhamtuu aggaammii dura dhaabachuuf gatii hunda baastuutti osoo hin taane, Iraan akka biyya jabduu bubbeen hin raafnettii fi humna kamillee dura dhaabattuutti of ilaaluu jalqabdeerti.

Kanaafuu, haleellaan Israa'elirratti raawwattu hamma ta'e wayii haaloo bahuu fi irra caalaa immoo doorsisuurratti kan xiyyeeffate.

Tehraan amma haleellaan michuuwwan isheerratti raawwatamu haleellaa isheerratti raawwatamuun adda akka hin taane himaa jirti ta'uu danda'a.

Ergaan akkanaa Hezboolaaf, milishoota Iraaqii fi networkii Iraan naannichatti argaman "Axis of Resistance" jedhamaniif murteessadha,

Amanamummaan dhiibbaa Iraan gamtokkoon amantaa michuuwwan ishee kunneen isheerratti qaban irratti hundaaya.

Ifatti Israa'el akeekkachiisuu booda tarkaanfii osoo irratti hin fudhatin hafuun amanamummaa Iraan gaaffii keessa galcha.

Gama kanaan yoo ilaalamu, haleellaan kun galma Israa'el rukutuu qofa hin qabu.

Teehraan michoota Ameerikaa fi Israa'el naannicha jiraniif balaa isheerratti aggaamuuf deebii ni kenniti moo hin kennitu kan jedhu itti agarisiisuufi.

Yeroon isaa murteessaa dha.

Pirezdantiin US Donaald Tiraamp dhiyootti waliigalteerra gahama jedhan. Waliigalaan kan hundi hubachuu danda'u Iraan tarkaanfii dippilomasii balaarra buusu raawwachuu hin qabdu.

Teehraan garuu faallaa kanaa yaaduu dandeessi.

Iraan tarkaanfii waraanaa xiqqoo fi madaalamaa ta'e fudhachuun akka dadhaboo hin taane agarsiisuu barbaadu.

Tarkaanfiin kun faayidaa waraanaa argachuuf osoo hin taane, gaaddisa marii irratti humna ofii mul'isuufi.

Gama Teehraaniin, doorsisaa fi filmaata waraanaa akka qabdu argarsiisuun Waashingtanii fi Israa'el kaayyoof of duuba deebisuu akka barbaaddu ibsa.

Kana jechuun Iraan mariin akka gufatu feeti jechuus miti.

Iraan ergaa siyaasaa fi doorsisaa cimaa erguuf tarkaanfii yoo fudhatteyyuu kana kan gootu waraana guutuu hambisuuf daangaa ishee eeggatteeti .

Tarkaanfii fi tilmaamni Iraan sun milkaa'uu fi dhiisuun isaa kanaan booda haala qabatamaatiin mirkanaawa.

Taatee wal haleellaa garee lamaanii tibbanaa irratti mariin Iraanota gidduu ture ejjennoo garaagaraa kaase.

Gariin tarkaanfii Iraan sirrii dha jedhu. Miseensi dhaggeeffattoota BBC Persian tokko akka jedhetti, "tarkaanfiin Iraan Libaanos ittisuuf fudhatte amanamummaa fi tarkaanfii sirii dha" jedhe.

Erga waliigaltee nukileeraa as Iraan seera idil-addunyaa akka hin cabsinii fi tarkaanfiin kunis yeroo dhimmi dhukaasa dhaabuu cabu deebii kenname ta'uu isaa ibsa.

Kuun dhimmoota Teehraan dursa kennituuf irratti gaaffii kaasu: "Ji'oota lamatti yeroo siquuf kibba Iraan keessatti lolli gaggeeffamaa tureera, garuu deebiin jabaan hin kennamne. Kibba Iraan caalaa kibbi Libaanos Iraaniif baay'ee murteessaa ta'uu hubatameera fakkaata."

Namoota hedduuf, garuu yaaddoon, wal dura dhaabbannaan kun garam geessa kan jedhudha.

"Dhugaa dubbachuuf, gaaf waraanni kun irra deebiin eegalu lubbuutu natti dhufe," jedha dhaggeeffataan BBC Persian tokko. Namoonni tokko tokko wanti kun gara waraana guddaatti ni guddata jedhanii hin yaadan.

Daawwataan tokko yaada kenneen akkana jedhe: "Walitti bu'iinsi kun baay'ee hamaa miti, akka waraana ji'ooa lamaan darbaniitti gara waraana guutuutti hin jijjiiramu."

"Ameerikaan waraana kallattii gara kanaan duraatti deebi'uu akka hin barbaadne Iraan waan beektuuf, isheetu dursa fudhachaa jira. Kun gartokkoon ololaafi, deggertoonni isaanii akka waan mo'achaa jiranitti akka itti dhaga'amu gochuuf."

Ilaalchi kan biraa haleellaan kun marii nagaatti quufuu dhabuu akeeka kan jedhu.

Yoo Iraan faayidaa hiika qabu otoo hin argatin irra akka dabartu gaafatamaa jiraachuu amanti ta'e, gochi kun marsaa marii itti aanuf dhiibbaa ishee mul'isuuf tooftaa ta'uu danda'a.

Kallattii lachiinuu haleellaan kun hoggansi ishee ofitti amanamummaa olaanaa qabaachuu hima.

Gaaffiin ijoon Iraan haleellaa Israa'el kan biraa dandamachuuf fedha qabaachuu ishee miti. Inni guddaan, Tehraan amma osoo carraaqqii dippilomaasiitti jirtuu kana gochuu akka dandeessu amanuu isheeti.

Yoo kun ta'e, Iraan haala qabatamaa naannichaa bifa haaraan ijaaruu dandeessi. Innis haala sarara diimaa ishee sararachaa, ejjennoo jabaa qabachaa kan itti mari'attu.

Tooftaan kun balaa qabaatellee, jijjiirama guddaa Rippabiliikiin Islaamaa Iraan dhimma nageenya ishee fii Giddu-galeessa Bahaatti qabdu itti ilaaltu mul'isa